Oduu Haaraya

Barattootaafi hojjattoota mootummaa jidduutti walshakkii uumuun akka tarsiimoo muummeetti kaayamee jira..

‪#‎OromoProtests‬ HUBACHIISA: Odeeffannoo godinaalee adda addaatii dhufaa jiran akka agarsiisanitti, barattootaafi hojjattoota mootummaa jidduutti walshakkii uumuun akka tarsiimoo muummeetti kaayamee jira. Inni basaasa, inni ABO, kaan ammoo OPDO jechuun olola walirratti oofsisuun mormii tokkummaan dhagayaama jiru keessaan laaffisuuf tarkaanfin eegalee jira. Tooftaa diinaa kana bilchinaan irraa aanu qabdan.

1) Gaafin ka’e gaafii murna tokkoo ykn ilaalcha gama tokkoo kan laallatuu miti. Dhimma dantaa bu’uraa saba Oromoo maraati ( fundamental national interest). Kanaaf gaafii kanatti murni abbaas ta’e amba itti ta’u hin jiru. Kan qabatamaan mul’atees Oromoon, qondaalota mootummaa dabalatee, sagalee tokkoon mormuudha.

2) Diinnii yoo rasaasa isinitti roobsu ati nutti aanta, isiin achi aanti, inni murna kana, kuun murna keenya hin jenne. Rasaasaaafi ulee Oromoo hundarratti roobse. Warra ajjeefamaniifi hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa namoonni mooraalee yunivarsitii keessatti amma dura ifatti mootummaa deeggaruun beekaman akka jiran ragaa gahaa qabna. Kanaafu Wayyaanenuu ija diinummaa takkaan isin laalti, deebin keessanis ija sabummaafi obbolummaa takkaan wal laaluu qabdan.

3) Kana hoggaa jennu namoonni gaaga’ama kanarraayis osoo hin baratin meeshaa diinaa ta’anii itti fufan ni dhabamu jechuu miti. Karaan balaa jara akkasii itti fashaleessan, jarjaraan namoota hamachuufi balaaleffachuu dura suuta of eeggannoon duubbeefi sosochii isaanii qorachuun adda baafachuudha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …