Oduu Haaraya

Bosonnni kan ummata tahuu malee investiment keennamu waan beeynu hin qabnu ..

Godina addaa naannoo Finfinnee Aanaa walmaraa ganda waajjituu Harboo jedhamutti kan argamu bosonni “Bosona Roobalee” jedhamuun beekamu waggoota dheeraaf ummata naannichaan halkanii fi guyyaa, roobaa fi caama keessa, xiqqaa fi guddaadhaan, dhiiraafi dhalaan, marti itti baanee kunuunsaa turre mootummaan dirqamaan nurraa fudhee investmentif kenneera jechuun ummati komii dhiheessan.

Bosonni hectaara 74 kan caaluu fi bineensota akka kuruphee, dukkulaa, waraabessa, booyyee, sololiyaa, gogorrii, shimbirroota baayee fi kkf hedduu kan of keessa qabu tahuu kan dubbatan D/B/Waajj. Nageenyaa aanichaa obbo Taammanaa Addunyaa dabalataaniis bosonnni kan ummata tahuu malee investiment keennamu waan beeynu hin qabnu jedhan. Ummanni naannichaa mootummaan qawween haa irraa nu kaasu malee lafa keenyaa fi bosona keenya dabarsinee hin keenninu jedhanii falmachaa jiru

Maddi-FBC Afaan oromoo qophii ”ummanni maal jedhaa” 23-4-2014

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …