Oduu Haaraya

Faranjiifi Waaqni nama of gargaaree gargaaruu jedhu Dr Mararaa Gudinaa

Gaafiifi deebii Raadiyoo Hello Oromia waliin godhan keessatti, Dr Marara Gudinaa Faranjiifi Waaqni nama of gargaaree gargaaruu jedhanii dhaaman. Yoo Oromoon akka sabaatti wal gargaaree, nu gargaaraanii.

Oromoon yoomiyyuu caalaa tokkummaan akka dhaabbatuu yaamicha dhiheessan. Oromoonni akka sabatti waan Mootummaan Itoophiyaa miidhaa hiruuf, akka sabaatti dhaabbachuu qabu. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo hundi walitti dhufuun qaawaa siyaasaa jiru akka cufaan yaamichaas dhiheessaniiru. Oromoon laga cehuuf akka siyaasatti odoo hin taanee akka sabatti cehaa jedhu. Yoo Oromiyaa jiraachuu qabdi jenne amannee, akka sabaatti jiraachuu qabnaa jedhu. Oromoon walii iyyadhaa iyya dabarsaa jedha. Hiriirri nagayaa Goondariifi Walloo keessatti deemaa jira. Garuu kan mootummaan garaa jabeennaan miidhaa jiru, uummata Oromoo kan hiriiraa bahuuf carraaquudha. Mootummaan Oromootaafi marartii hin qabu. Gaafa tokko galaaanni Oromoo nurraan dhangalaaa nu balleessaa jedhe sodaataa jedhu.
Sochii Oromoon biyya alaatti godha jiranillee dinqisiifatanii jiru. Haa ta’u malee hiriibaa bahuun waan tokko, gurmaa’uun waan biraati jedhe dubbate. Akka sochiileen kun firii horattu, Oromoon biyya alaa jiranii, akkuma ka biyya keessaa, jaarmayaa cimaa barbaaduu jedhanii. Dhaabni keessanii sochii kana gargaaruuf maali godhaa jira? Dhaabni keessanii humna hagam ga’uu qaba? Diaspora-n maal godhu qaba? Gargaarsa akkam barbaadduu? Gaafii hedduu gaafannee, deebii argachuuf

gaafiif deebisaa kana caqasuuf as tuqaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …