Oduu Haaraya

Gamtaa Oromoo (GO e.V) Hiriira aadaawwan biyyoolesaa (Parade der Kulturen) Magaala Frankfurt kessa geggeeffame irratti yeroo jalqabaatiif qooda fudhate Saba fi Aadaa Oromoo beeksise

 
Waxabajjii 28. 2014, Frankfurt Germany
Jaalatamoo Oromoota

hundaa duraan dursee nagaan rabii isin haagahu.

Hiriira aadaawwan biyyoolesaa (Parade der Kulturen) irratti saba Oromoo fi biyya isaa saba adda addaatti beeksisuuf gaafa 28.06.2014 carraaqqni goone kan eegne caalaa akka dansaatti nuu milkaa’ee jira.

Hirirra (Umzug) akkanaa irratti qooda fudhachuun Keenya yeroo calqabaatif ta’us Oromootni hedduun ijoolee isaanii wajjiin uffata aadaatiin barreedanii Bookkuu, Meeshaa adda addaatif Alaabaa Sirna Gadaa qabatanii shubiisa (ragadda/dance) Oromooottiin jamaa (uumata) Frankfurt ajaa’ibsiissaa oolanii jiru.

Poostarroota adda addaa fi Barreeffamaa facaafamu (Flyer) ti fayyadamuudhaan akkasumas Afaaniin Odeeffannoo barbaachisaa ta’an saba hiriira irratti argamaniif kennamanii jiru.
Akkasumas bakka dhaabii (Stand) ti waa’ee Oromuummaa fi qabeenya isaa (fakk. Bunaa fi Sirna isaa) beeksisuu qofaa osoo hin tain tajaajila Nyaachaa fi Dhugaatii guyyaa guutuu kennuudhan jamaa akka gaariitti bashannansiisuu danda’aamee jira.

Kanaafuu Oromootni fi Michootni Oromoo yeroof qabeenya isaani guamaachuu dhaan kaayyoon kun akka milkaa’uu carraaqqii godhan hundaa haa galatooman!

Nagaa wajjin!

Maqaa KHG GO e.V. tin Tarrafaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …