Oduu Haaraya

GARAAN NU GUBATE!

Ah….!Yaa saba koo garaan nu gubatee

Roorroon garayyuu hedduu jajjabaattee
Biyya teenya irraa dararaan baqatee
Irraa waa hin oolle jalas tarkaanfattee!
Yaa Rabbi ni gartaa roorroon jajjabaattee
Nu furi gooytaa koo miila nutti fuutee!!
Gabroomsaa diinaatiin biyyarraa baqannee
Biyyaa fi alattis way waa qisaas taanee
Imimmaan ijarraa takkaa addan cinnee
Badiin teenya maali sa maal balleessinee???
Kales numa boonya arras booyaa jirraa
Akkuma bubbulluun haarayuma garraa
Nurraa achin-siiyxu bara dhufaa dabraa
Ati nurraa guuti yaa mootii hundarraa!
Ati nurraa guuti yaa mootii hundarraa!
Waliif haa gallu mee namuu bakka jirruu
Usnee maaliif teenya osoo ijaan garruu
Arra si hanqattus sirra geessi boruu
Waliin wal dhageenyee wal jala haa gorru!
Waliin wal dhageenyee wal jala haa gorru!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Najiib Zannuun/Marsimoonaa

 

Check Also

zalaalam abarraa

Biyyattii wakkiilli Waaqaa fi odeessaan oduu Waaqaa baayyatee lafa dhiphise keessatti..

Barsiiaan Kana Hinjedhu! “Biyyattii kadhaan xurumbaa, biyyattii dibbeen sagadaa iyyee dhikkisu keessatti; lafattii maqaa dhala …