Oduu Haaraya

Gareen ABO Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamu (ABO’n Jijjiiramaa) maqaa haarawa moggaafachuu isaa ibsa baaseen ifa godheera.

(awashpost)

Gareen kuni maqaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) jedhee kan ufmoggaase kora dhaabichaa Adoolessa 30 – 31 Ameerikaa magaalaa Minisotaatti geggeeffateen ta’uus labseera. Gareen ABO Jijjiiramaa jijjiirraan maqaa dhaabichaa ammatti kan barbaachiseef Qabsoo Bilisummaa Oormoo kufaatiifi bacancara irraa dandamachiisuuf ta’uu ibsa isaa keessatti tuqeera.

Dhaabbanni KWO kallattiin qabsoo isaa saba Oromoo bilisoomsuufi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu ta’uus jala sarareera. Kanas kan dhugoomsu, akka ibsi ijjannoo KWO agarsiisutti, daandii qabsoo siyaasaafi qawweetti dhimma bayuun.

Kallachi Walabummaa Oromiyaa ibsa ijjannoo baase keessatti mootummaan Itoophiyaa bulchaa jiru heeraafi seera akka kabaju gaafatee, akkasumas hidhamtoota siyaasaa hundi haal-duree tokko malee gadi lakkifamuu qaban jedheera.

Ummanni Oromoo hundis tokkummaan ka’ee mirgaafi haqa isaa akka kabajsiifatuuf KWO’n waamicha godheera. Oromoon bilisummaa isaafi walabummaa biyya isaatiif qabsaayuu ykn socho’uu qabas jedheera. Kallattiin qabsoo Oromoo, akka ibsa KWO’tti,  Oromoofi jaarmayaalee Oromoo jiddutti osoo hintaane kan diina irratti fuulleffate ta’uun akka irra jiru hubachiiseera.

Jaarmayaan Jeneraal Kamaaliin hoogganamu barbaachisummaa maqaa haarawaa eeruun alatti, maqaan haarofni Kallacha Walabummaa Oromiyaa jedhu kuni qabsoo bilisummaa funduratti tankaarfachiisuu irratti gummaacha maal akka qabaachuu malu ykn shoora maal akka taphachuu danda’u wonti ifatti kaaye hinjiru.

Addi Bilisummaa Oromoo Jijjiiramaa kana dura Itoophiyaa ol’aantummaan seerafi dimokraasii keessatti kabajame keessatti mirgi Oromoo nitikfama amantaa jedhu qabaataa ture. Kan qabsayuufis Oromiyaa walabaa uumuuf osoo hintaane Itoophiyaa federeshiiniin dhugaa keessatti mirkanaaye; kan mirgi Oromoofi saboota hundaa keessatti kabajamu uumuuf ta’uu irra deddeebi’ee ibsaa ture. Amma garuu ibsa dhaabichaa irraa kan hubatamu jijjiirraa maqaa qofo osoo hintaane dhaabbanni kuni jijjiirraa kaayoos fiduu isaati; Oromiyaa walaba uumuuf kan qabsaayu. Gama biraatiin, alaabaafi asxaan dhaabichaa geeddaramuuf dhabuu isaa wanti ibsi KWO akeeke tokko hinjiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …