Oduu Haaraya

Godina Lixa Shawaa Ona Shananaa keessatti FDG fi falmii mirga abbaa biyyummaa har’a geggeeffamaa oole irratti ilmaan Oromoo 3 wareegaman.

Caamsaa 3/2014 FDG jabaatee itti fufe haala kanaan gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii itti fufuu irraan Wayyaaneen nagaa hin dhageenye amma illee sagalee qawween malee uumataaf deebii kennuu didaa akka jiru dhagahama.

Guyyaa har’aa Godina Lixa Shawaa aanaa Shananitti uummaanni daandii shanaanii Xiqur Inciniii geessuu akka banamuu hin dandeenyetti cufamee diddaan cimaan kan qoteebulaa waliin gamtaan ka’e qabsiifamera.Waraanni Wayyaanees uummata meesha maleeyyi itti rasasa matarayasii dhukaasuun ajjeesaa jira.

Yeroo kanatti Aanaa Shaanana irratti ilmaan Oromoo 3 wareegama Qaalii kanfalan. Shamarreen Oromoo Hayinaaleem Guutuu dubara waggaa 14ti fi dargaggoonni 11 biroo yeroo amma mana hidhaa qabamanii akka jiranii fi Obboleessii ishee da’imni waggaa 9s akka ajjeefamee jiru gabaasi ammaaf achi irraa dhihaate addeessa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *