Oduu Haaraya

Gootonni Dargaggoonni Oromoo Jimmaa Warraaqasa Bilisummaa Finiinsuun Diddaa Kaasan,Poolisoonni Oromiyaas FDG Tumsan

 

Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun dhuunfatamte .Poolisootni Oromiyaas sochii Qeerrootti makamuun Wallee Warraqa wallisaa turan. Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa bakka waldorgommiin Ispoortii Shaampiyoonaa Oromiyaa gaggeeffama jirutti walitti qabuun Walleelee Warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu fi FDGf uummata qopheessuu qabsiisuun magaalaa Jimmaa keessa naannaa’uun eenyummaa, Oromummaa fi gootummaa isanii ibsachuun uummata haalaan dammaqsan. Guyyaa hardhaa Istadeumii Magaalaa Jimmaa keessatti yeroo taphattootni Kubbaa miilaa Magaalaa Amboo fi Jimmaa taphatan walleen warraaqsaa haalaan jabaate, magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa seente, humnootni basaasaa to’achuu hin dandeenye., Walleewwaan Warraaqsaa dhageesisaan keessaattis Jimma kan keenya, Amboo kan keenyaa, Finfinneen kan keenya, Wallaggaan kan keenya, Iluun kan keenyaa, Harargeen kan keenyaa, Adaamaan kan keenya, Bishooftuu, Burraayyuun, Holotaan, Sulultaan, Xaafoon, fi Sabbataan kan keenya Oromiyaa Badhoon biyya keenyaa jechuun haala uummata hawwatuun wallee warraqsaa magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun finiinsan. Poolisota Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa jiraniif goototni qeerroon barattootni Oromoo waamicha ”Poolisiin kan keenyaa” jedhu waan dabarsaniifPoolisootni hedduun wallee warraaqsaatti makamuun gootota sabboontota Oromoo waliin wallee warraqsaa finiinsan. Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree: akka halagaan Oromiyatti hin seenne”, Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa’‘, ”Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata sochoosan. Diinaafis firaafis haagaluu jechuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jiraattootni magaalaa Jimmaa sodaa tokko malee ifatti wallee qabsoo warraaqsa FDG qabsiisuun hidhaa, du’aa, fi daraara fedhee illee fudhachuuf qophii ta’uu ibsatan. uummaatni jiraattootni Magaalaa Jimmaa daandiitti gadii yaa’uun gootummaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo kana kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’uu Poolisootni Oromiyaa Wallee warraaqsaa kanatti makamuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.

Source: Qeerroo.org

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …