Oduu Haaraya

Gurmuu  Miseensota  WBO  Biyya  Aalaa

Amajjiin tokko guyyaa WBO fi Uummata Oromoo keessaa fi Alaa biratti haala ho’aan kabajama .Kanaaf gaafa Amajjii 1/ 2015  akka DC sa’a 2=00 pm fi akka Awropa sa’a 8=00  galgala irraa kaasee  Karaa sararaa paltolk Mana wiirtuu Gadaa Bilisummaa Oromoo ti ,Guyyaa kana Gurmuun Miseensota WBO Biyya Ambaa waliin akka ayyaneffattan kabajaan hafeeramtaniittu,guyyaa kana Hogganni ABO Dhaamsa Bara Haaraa fii Hasawaa gochuun gaaffii fii deebii nu waliin  godhu.Seenaa Guyyaa WBO ilaalchisee J/Dugaasaa Dhugoomsaa hasawaa godhu .Hawwisooti WBO kan Biyya Alaa keessatti arkamanii fii Artstooti Oromoo kan Afeeraman wal duraa duubaan faaruu warraqsaa dhiheessuun isin bashannansiisu,akkasumas Walaloolee,shaggoyyee ,geerarsa fii Makamaaksis ni jira . Miseensoti WBO warren qabsoo irratti Qaamaa hirratan fi Mana Hidhaatti Toorchiidhaan miidhaman haasawaa godhu . Miseensoti WBO tartiiban isin keesumsiisu.

Injifatnnoon  Uummata  Oromoof !!!

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *