Hawaasni Oromoo biyya Suwiidin kan naannoo magaalaa gudditti lammaffaa biiyya Suwiidin Goteborg jiraatuu fii naannoo isiitti argaman guyyaa har’aa jummata caamsaa 9 hiriira mormii diddaa wayyanee bahan, Kan hiriira kanarraa nama gammachiisaan, Oromoonni naannoo kanatti argaman tokko odoo manatti hin hafin, haawwan, shamarraan, manguddoo fii joolleen isiin daa’ima malqa qabdu kan dalagaa qaban guyyaa kana if wareeguudhaan dhaadannoo, gaaffiin barattootaa, gaaffii ummata Oromoo maraati, Finfinneen handhuura Oromiyaati, ajeechaa fii reebichii ummata keenyarraa jaa dhaabbatu, Mootummaan Suwiidin mootummaa abaaramaa kanaaf akka gargaarsa hin kennine kkf qabatanii gaddaa fi tumsa barattootta isaanii kan wayyaneen gara jabinaan rasaan fixxe balaaleeyfatan.
Check Also
Hoggansa fi Miseensa ABO Biyya Hambaa: Fira moo diina QBO ti?
Hubataa Dubbii tiin=====================================================Hoggansi fi miseensotni ABO biyya hambaa jiraatan tokko-tokko, hojiin isaan guyya-guyyaattiraawwatan, diina dhaabichaa …