Oduu Haaraya

Hiriiraawwan Mormii Oromiyaa Keessaa Itti fufaniiru

 — Hiriiraawwan mormii magaalaalee Oromiyaa adda addaa keessatti geggeessaman itti fufanii jiru. Akkuma kanaan guyyaa kaleessaa jechuunis Caamsaa 6 bara 2014 ijoolleen barattootaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Qellem mormii isaanii dhageessisanii jiran.

Haa ta’u malee humnootiin mootummaa dallaa keessaa akka hin baane waan dhorkaniif jecha dhakaa darbuu yeroo jalqabanitti humnootiin nageenyaa dhukaasa bananiin durbee kutaa 11ffaa barattu tokko rasaasaan harka ishee irra rukutuu isaanii barattonni dubbatanii jrian.

Gaazii imimmaansuttis gargaaramuu dhaan hiriirri isaanii utuu hin geggeessamin humna poolisaan bittannaa’eera jedhu barattoonni kun.

Gama biraan immoo mgaalaalee Chanqaa, Giddaa ayyaanaa, Chaliyaa fi bakka birootti illee hiriirri kan geggeessaman si’a ta’u bakka kaanitti nagaan geggeessamee kan xumurame si’a ta’u bakka ka birootti immoo humnootii mootummaan ittisamaniiru. Universitiiwwan hanga tokko keessatti barnoonni kan itti fufee jiru si’a ta’u kanneen akka Univesitii Haromaayaa fi Wallaggaa keessatti barnoonni amma iyyuu utuu hin jalqabamiin kan jiru ta’uu jiraattonni naannnoo fi barattoonni nuuf ibsanii jiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …