Oduu Haaraya
tplf opdo

Injifannoowwan Caamsaa 20 Ummata Oromoo fayaydamaa taasisaa jiru-Ob Muktaar Kadir

Finfinnee Caamsaa 13 2006(FBC)Adeemsii sirna dimookraatawa,nageenyaafi bulchiinsa gaarii har’a mula’ataa jiruu qabsoo hadhaawaa waggootii dheeraa injifannoo caamsaa 20 bar 1983n argamee tahuu pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo biyyoolessaa oromiyaa obboo Muktaar Kadir ibsan.

Obbo  Muktaar injifannoo caamsaa 20 waggaa 23ffaa sababeeffachuun  kaleessa ibsa baga geessanii wayita dabarsaniittii mirgoota eenyummaa argamaniin cinatti  hawwiifi dheebuu misoomaa ummataa guutuuf waggoottii 23n darbannii bu’uurrii cimaa kan itti ka’amee fi adeemsii dheeraas itti deemamuusaadha kan ibsan.

caamsaa 20n ummanni Oromoo mirga aadaa,afaaniifi seenaasaa dagaagifachuu,misoomaafi qabeenyya naannichaarraa fayyadamuu waggootii dheeraaf dhabee ture goonfachuusaa ibsanii kanaafiis ummanni Oromoo  injifannowwan waggoottii darbanii babal’isuun fayyadamummaa siyaasa,hawaas-dinagdeesaa saba,sablamootaafi ummatoota biroo waliin ta’uun cimsee itti fufsiisuu  akka qabu hubachisaniiru.

Obbo Muktaar ibsa kennan kanaan injifannoowwan caamsaa 20n galmeeffaman iddoo ol’aanaa kan qabanidha jedhaniiru.

Waggoota 23n darban keessa dhaabbilee kanneen biroo wajjin wal ta’uudhaan DHDUI/ADWUI hiyyummaa maqsuuf qabsaa’aa jira,qabsoo itti fufiinsaan deemsifamaa jiru kanaanis injifannoowwan boonsaan galmeeffamaa akka jiran pireezdaantichi dubbataniiru.

Yaa ta’uutii imala boonsaa kana gufachiisuuf iddoowwan Naannoo Oromiyaa tokko tokkotti qaamoleen maqaa barattootaatiin of gurmeessan jeeqamsa uumuuf yoo socho’anillee hirmaannaa Mootummaafi Ummataatiin too’annoo jala akak oole pireezdaant Muktaar Kadir mirkaneessaniiru.

Gara fuulduraattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina diinagdee galmeeffamaa jiru  saboota sablammootaafi Ummattoota Itiyoophiyaa wajjin wal ta’uudhaan cimsuudhaan akka itti fufuufi  ayyaanni injifannoo Caamsaa 20 wayita ayyaaneeffamuttis injifannoowwan galmeeffaman cimsuudhaaf waadaa galle haaromsuudhaan ta’uu akka qabu pireezdaantichi hubachiisuusaanii Gammachuu Taarikuu gabaaseera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …