Oduu Haaraya

Jilli dhabaa ODF kan Obbo Leencoo Lataan hoogganamu imala gara biyyaatti gochaa akka jiru maddeen amanamoon eeran.

Filannoo bara 2015 irratti hirmaachuuf carraan ODF qabu dhiphoo ta’ullee gara biyyaatti galuuf daandiin bal’aadha jedhu peresdaantiin ODF ykn ADO Jaal Obbo Leencoo Lataa, kayyoo ijoon dhaabni keenyaa irratti yayyabame, mirga namtokkeefii sabaaf salblammii biyyattii kabachiisuudha kan jedhan hoggaan ODF ganna lamaan dura sabaahimaalee idil- addunyaa gara garaatti gabaasaa turuunsaanii ni yaadatama, akkasumas ODF qabsoo oromoo dhabama irraa oolchuuf filannoo jiru gara biyyaa galuu qofa jedhu Obbo Leencoon, ODF hadhaa qabsoo fi gaaga’ama akkasumas wareegama qabsoon gaafatu kamuu kafaluun qabsoo oromoo jireessuuf murannoon biyyatti galoon filannoo maayyiitii jechuun eeraan.

Hanga ammaatti ODF kaninni biyyatti galuu hanqatee tureef mareen mootummaa Itoophiyyaa wajjin gochaa turre haalota gara garaan lafarra harkifachuurraan kanka’eedha jedhu Obbo Leencoon, akkasumas gufuun biraan ODF boordii filannoo biyyattii biratti seera guutee galmaa’uufi fi beekamtii argachuu qabu mootummaarraa dhabuusaatu hanga kana booda nu hanbise jechuun dubbachuunsaanii dubbii gurra nubutee jiru warii kanaati. Dabalataanis ODF akka dhaabaatti filannoo baranaa irraa qooda fudhachuuf daandiin dhiphatullee, miseensonniifi hooggantoonni ODF akka dhuunfaatti filannoo kanarraa qooda fudhachuu ni danda’u yoo haalli aanjawaan argame jechuun ibsaniiru. Waa gadhufa jette jaartiin daha wal’aaltee,,, jennumoo ??? Siqee dhufe jette jaartiin bakakkaan mana jalatti buunaan jennee mammaakuu nuuf wayya laataa yaa oromo? Nama borii nuhaa godhu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …