Oduu Haaraya

Kabajammo Ilmaan Oromoo Awuroopaa kessatti argamtan maraaf

WAAMICHA WALGAHII MISEENSOTA „WALDAA HAWAASA OROMOO AWUROOPAA (WHOA)/ OROMO COMMUNITY ASSOCIATION IN EUROPE (OCAE)

Waxabajjii (June) 15, 2015 Kabajammo Ilmaan Oromoo Awuroopaa kessatti argamtan maraaf, hunda duraan dursee nagaan waaqayyoo/rabbi isin haagahu. Jiruu fi jireenya gaarii isin hawwiina. Horaa bulaa. Waldaan Oromoota hedduminan Awuroopaa keessa jiraatan of keessati hammachuu danda’u jabaa tokkoo jiraaruun barbaachisaa waan tureef “Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)” bara 2014 seeran uumamee, kaayyoo karoorfatee, amma humni isaa danda’ee fiixan baasuuf eegalee jira. Waldaan kun akka Waldaa agoobara Awuroopaati (as umbrella organization in Europe) uumamee/ijaaramee.

Kaayyoon waldaa kana inni duraa baqatoota (kooluugaltoota) Oromoo waldaa agoobara (umbrella organization) kana jalatti galmeessee akka walgargaarani saba Oromoo gargaaran gochuudha. Baqatoon Oromoo yeroo ammaa Awuroopaa keessa jiraatan dargaggootaa fi shamarran labata Qubee/bara garee Qubee (Qubee Generation) jedhamani beekkaman dha. Koreen Hojii Raawwachiiftuu seera (dambii) ittin bulmaataa Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)” ilaalchisee guyyaa gaafa Adoolessa (July) 12, 2015 ibsa bal’aa kennuuf qophaa’ee jira.

Walhubannoo fi waliigaltee miseensota “Waldaan Hawaasa Oromoo Awuroopaa (WHOA)/ Oromo Community Association in Europe (OCAE)” ilaalchisee miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR) ibsa bal’aa ummataaf waan kennaniif walgahii ummataa kana irraatti akka hirmaattaan kabajaan isin afeerra. Walgahii seenaa qabeessa kana irratti hedduminan argamtanii ibsa KHR fi gaaffii fi deebii gaggeeffamaa (administration) irrattii qooda keessan akka gumaachitan abdi guutuu qabna. Koreen Hojii Raawwachiiftuu walgahii kanaaf kutaa magaalaa Frankfurt am Main “Bockenheim“ (im Stadtteil Bockenheim) jedhamu keessatti bakka walgahii qopheessa jira.

Walgahiin miseensootaa yeroo duraatif magaalaa „Frankfurt am Main“/Bockenheim jedhamu keessatti guyyaa gaafa Adoolessa (July) 12, 2015 qophaa’ee jira:

Guyyaa walgahii/ Date of meeting:

Adoolessa (July) 12, 2015 Sa’aatii walgahii/ Time of meeting: 12:30 WB (PM) ‐ 18:00 WB (PM) 2

Bakka walgahii/ Place of meeting: Studierendenhaus an der Goethe-Universität Frankfurt am Main (zu Fuß erreichbar entlang Gräfstraße) Mertonstraße 26 – 28 60325 Frankfurt am Main Geejiba/ Transport: Vom Hauptbahnhof mit der U-Bahnlinie U 4 oder der Straßenbahnlinie 16 bis Haltestelle „Bockenheimer Warte“ From the central train station take the underground U4 or the number 16 tram to the “Bockenheimer Warte” Namoota Koree Hojii Raawwachiiftuu irra odeeffannoo (information) dabalataa feetanif lakkoofsa bilbila (telefoona) kanatti bilbilsaa: lakko.bil.: +49(0)17853498098 und +49(0)15210106906 +49(0)17651895619 +49(0)1783042153 +49(0)15210531811

 

kartaa whoa

Galatoomaa, Koree Hojii Raawwachiiftuu (KHR)

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …