Oduu Haaraya

Kana beektuu laataa?

Gadaa Boruutiin


* Dubartii waa sagaliin horatu!
~ Sadi gorsaan
~ Sadi obsaan
~ Sadi dhoksaan
* Ilmi namaa haala jireenya isaatiin bakka
saditti qoodama!
~ Tokko kan biyya jiru
~ Tokko kan biyyaaf jiru
~ Tokko kan biyyatti jiru
* Namni lafee coru waa sadi fakkaata!
~ Yoo ija itti babaasuu, goota fakkaata.
~ Yoo afaan itti banu, waraabessa
fakkaata.
~ Yoo itti gororu, daa’ima fakkaata.
* Namni kijibu waa sadihiif muddama!
~ Hanga dhagahuuf
~ Hanga himuuf
~ Naa dhoksaafis ni muddama.
* Gowwaan waa sadi jaalata!
~ Osoo hin dubbisin dubbachuu
~ Osoo hin gaafatin himuu
~ Osoo hin tuqin aaruu
* Keessummaa waa sadihiin kabaju!
~ Erbee rifeensa hin qabne
~ Lafee foon hin qabne
~ Foon lafee hin qabne
¤ Hiikni isaas:
~ Erbeen rifeensa hin qabne, fuula ifaan
simachuudha.
~ Lafeen foon hin qabne, ilkaan gaariin
wajjiin kolfuudha.
~ Foon lafee hin qabne immoo, arraba
qajeelaan itti haasahuudha.
* Waa sadi fafa, waa sadi fafaa miti!
~ Lolaaf bahanii waraana dhabuun fafa.
Lolaaf bahanii waraana dhabuun fafaa
mitii, onnee dhabutu fafa.
~ Du’anii ibaadaa dhabuun fafa. Du’anii
ibaadaa dhabuun fafaa mitii, durumaan
ibaadaa dhabutu fafa.
~ Barumsaaf bahanii qalama dhabuun fafa.
Barumsaaf bahanii qalama dhabuun fafaa
mitii, kaayyoo dhabutu fafa.
* Waa sadi dura badee, waa sadi tura bade!
~ Makkalli dura badee, hayyichi tura bade.
~ Maxaanaan dura badee, arreedaan tura
bade!
~ Doqnichi dura badee, arjichi tura bade.
* Ilmi namaa sadi!
~ Tokko kan abbaa caalu
~ Tokko kan abbaa dhaalu
~ Tokko kan abbaa dhaanu
WAAQNI ILMA KASAARAAFI ABBAA
DHAANU IRRAA NU HAABARARU!
* Namni dhugaan wal-jaalatu waa sadihiin
wal-jaalataan
Garaa dhaan
Onnee dhaan
Dhugaa dhaan

Check Also

qeesoota habashaa1

Why the Ethiopian Orthodox Church should rectify historical injustice

By ABBAA BIYYAA  Leaders of the Ethiopian Orthodox Tewahedo Church (EOTC) on Wednesday agreed to end a …