Oduu Haaraya

KOMII BARATTOOTA OROMOO

KOMII BARATTOOTA OROMOO
Har’an tana nuti BARATTONNI OROMOO biyya keessaatti
Gafii haqaa fii heerri biyyattii deeggaru karaa nagahaatiin
Banee sagalee keenyaa yeroo dhageessisaa jirrutti
Mootumman gabroomfataan TPLF reebee nu caccabsaa
Hidhatti nu guuraa ukkamsanii karaa nu dabarsaa yeroo
Jiran kanatti sodaa tokkon ala diina dura dhaabachaa jirra
Garuu qaamni Oromoo biyya ALAA maandheffate fi ummata
Oromoof dhaabbanee ummata Oromoof biyyaa baanee
Oromoof falmina jedhanii dhaabbilee adda addaa wixinaa turaniifii
Ammas itti jiran har’a eessa dhaqanii???
Maaliif hiriira nagahaalle taatuu waamuu fii bahuu dhaban???
Mee kuni maal jedhama??? maaf nutti laalta???
Nuti ilmaan teessan qalamaafii itti bartuu qabannee diina
Hanga funyaanitti waranaa hidhatee rasaasa nuutti roobsaa jiru
Jala dhaabbachaati hoggaa falmii keenyaa finiinsaa jirru kana
Jiruu teessan irraa daqiiqaa muraasaa wareegdanii sagalee ummata
Oromoo dhageessisuun isaanitti ulfaatee???
WAL TAAJJABNE
WAL TAAJJABNE
WAL TAAJJABNE jedhu BARATTOONNI OROMOO

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …