Oduu Haaraya

Nuuf Birmadhaa jechuun guyyaa har’aa Yuuniversiitiin Amboo Hiriraa nagaa isaa taasise!

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana haalli Uummanni Oromoo keessa jiru daraanyaaddessa ta’uusarraan wal qabatee,dhaabileen barnootaa ol’aanoo sochiin isaan gochaa jiraan kan walirra cite miti

Ganama kana sa’aa 2:30 irraa Eegalee Yuuniversiitiin Amboos hiriira nagaa gochuun cunqursaa fi maltooma ilmaan Oromoorratti yeroo ammaa kana raawwatamaa jiru mormaa oolaniru.

mormiin ilmaan Oromoo Yuuniversiitii Amboo “Masteer pilaanii naannowwaan finfinnee federaala jala galchuu” gonkumaa akka hin danda’amne cimsani sagalee mormii isaanitiin dhageessisaniiru,hidhamtootni Oromoo dhimma Oromummaa isaaniif hidhamaan nuuf haa hiikamaan,lafti abbootti keenyaa alagaadhaan cicciramuun nurraa haa dhaabbatu,naafxanyaan biyya keenyarra haa kaatu, fi k.k.f irratti qabsa’uun diddaa isaani mul’ifataniru..

Hordooftoota koo yeroon booda wal duraa duubaan gabaasa guutuu isaa isiinin gaha!!

Check Also

qeesoota habashaa1

Why the Ethiopian Orthodox Church should rectify historical injustice

By ABBAA BIYYAA  Leaders of the Ethiopian Orthodox Tewahedo Church (EOTC) on Wednesday agreed to end a …