Oduu Haaraya

Oduu Gadda: Hayyufi ogeesi sporti beekaman Oromo lubbu dhabee.

  • b
Ilmaan Oromo yeroo yeroon, akka Qananiisa injifanno battala sporti adunya irratti galmeesun akka ummatatti guddo nu onnachissani hingammanafi. Oromoota sportiin gumaata gugudaa kennani dabranilee hinyaadana. Hayyufi ogeesi sportii, 1960s jal qabee bara dheerafi Universiti etophia keesati sadarkka garagarati akka bulchaafi barsiisa sportiti tajaajila ka ture Sora Jaarso Sabbo fayya dhabaan kalee 09/14/13 magaala Finifineeti du’aan nura fagaate jira. Sora Jaarso dhalooti isa naano magaala Meega kutta Boorana yo tahuu, eega barnoota kuta lameeso etopiati fixatee duuba Eastern Europetti dedeebi’udhan barnoota sadarka ulaana haga Mastersiiti ( Masters in Sports Science and Education) fageeffate turee. Soran dandeetif kabaja oggumaa isaatif qabuu irra, etiopia keesati, namoota 1960s-90s Universiti Finfinee keesati bartoota isa turaniifi kan waliin tajaajila kenaa turan birati namaa ulfinaaf jaalala gudda qabu turee. Sora Jaarso namoota (Oromoof ka qomoo dhibiile) biyya etiopia keesaaf sadarka adunyaatti sportiin beekaman heddu, Ababa Biqilaa dabalatee, namaa ogumaa sportitin jajabeese yero yerooti akka injifanoon gugudaa galmeesan taasisse. Gama biraatiin Soran saboona Oromo ka saboontota Oromoo , keesatu dargagoota Universiti, torbaatomoota kessa qabso bilisumma Oromo yero duraatif biffa jidugaleesan uttubuuf kalatiin socho’aa turn yaadaan jajabeesuf haala rakkisa ta’e keesati teeso ufii dahoo marii taasisuun Oromoota gumaacha gudaa godhan keesa nama tokko. Obbo Sora Jaarso Saboo akka hayyuf ogeesa jabaa Oromotiif saboona seena qabeesati yaadacha, isaa biyyeen haa sablattu jechaa, hariyaaf warra isaatii jabeena Waaqa kanacha irra hafaa jenaani. Hariyaaf baratta isaa irra  

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …