Oduu Haaraya

Sagantaa yaadannoo waggaa 45ffaa wareegama Abuubakar Muussaa Wadaay

ABUUBAKAR MUUSSAA WADAAY ROOBAA JAARRAA

Sagantaa yaadannoo waggaa 45ffaa wareegama Abuubakar Muussaa Wadaay kan magaalaa Harar, Galma Caffee Naannoo Harariitti guyyaa kaleeysaa Adooleysa 20, 2022 godhame hedduu bareedaa ture.

Kaleeysa sagantaa ajaa’ibaa ture. Goota xurree nuuf tattaraare yaadachuun fakkaataa isaa kan azalaa heddummeeyfate horachuu taati. Xurree isaa san faana dhawuu fii akeeka isaa kan karatti hafe fiinxa baasuu taati.

Barbaachisummaan sagantaa tanaa kana qofa osoo hin taane hayyuu qaroo qareeyyii ture seenaa isaa barsiisuun dhalootatti abdii horuu fii dhaloonni qoma dhawatee isa if duratti laalaa murannoo fii kutannoon cichanii waan hin dandayamu namatti fakkaatu hunda tattaafachuun fiinxa baasuun akka dandayamu dhaloota barsiisuu taati.

Hirmaattonni sagantaa tanaa, caasaa mootummaa qooda fudhatanii fii hayyaman, addatti qindeeysitoonni Waldaya Artistotta Oromoo, gaazixeeysitoota, miidiyaalee fii namoota gumaata qaban hunda galatoomfachuun fedha. Bara hegeree maqaa isaatiin waa hedduu as baafnee milkaayinaan walitti deebi’uu qabnaan dhaamsa kiyya.

SABNI JABAA ISAA JABEEYFATEE AKEEKA ISAA FAANA DHAWEE GALMAAN GAYE FIINXA NI BAHA !!!!

BarentoMohammed

Harar, FUGUG

Adooleysa 21, 2022

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *