Oduu Haaraya

Waamicha Hiriira Mormii Haawaasa Oromoo Awroopaa Maraaf Brussels, Belgium

Waa’ee Qotee bultoota Oromoo handhuura Oromiyaa irra buqqisuu, qabeenya isa saamuu, ajechaa fi hidhaa barattoota Oromoo irra gahaa jiru mormachuuf jecha, hawaasotni Oromooo biyyoota Awuroppaa jirru gamtaadhaan Hiriira Mormii bahuuf murteesinee jirra.

Haaluma kanaan, qaamotni dhimmi kun nu ilaala jettan hundi yeroo murtessaa kanatti hiriira mormii gamtaa kana irratti argamuun aantummaa saba keessanii akka agarsiiftan kabajaan gaafanna.

Arihatama, saamichaa fi ajechaa sukanessaa saba Oromoo irra gahaa jiru handhuura Awuroppaa kana taate Belgium, magaala Brussels ti argamuun Parlamaa fi angawoota kanatti akka iyyannu karoorfamera.

Kotta saba keenyaaf sagalee haa taanu !!!

Guyyaa: Waxabajji 20, 2014 (Jimaata) ykn (Friday, June 20, 2014)
Sa’aa: 10:00–13:00
Bakka ka’umsaa: Parlamaa Awuroppa Fuldura
European Parliament, Leopold park
Belliardstraat 125, 1000 Brussels

Koree Qiindesitu Hiriira Mormii Hawaasa Oromoo Awuropaa

Brussels, Belgium

Email: oromoeuprotest@gmail.com

Twitter: @oromoeuprotest

Mobile:
+32 489 367 123 – Mootummaa
+32 466 418 066 – Solan

Tokkummaan Humna!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …