Oduu Haaraya

Jeneraal Kinfee Daanyew fi M/Jeneraal Teklebirhaan Waldaaregaay Poolosii Federaalaan To’annoo Jala Oolan.

https://www.facebook.com/EBCzena/videos/287087531935756/

 

Hoogganaan Koorporeeshinii Injinariingii fi Sibiilaa (METEC) M/Jeneraal Kinfee Daanyew fi Daarekterri INSA duraanii M/Jeneraal Teklebirhaan Waldaaregaay karaa daangaa Sudaan miliquif osoo jedhanii Poolisii Federaalaatiin akka tohataman gabaafameera.

B/Jeneraal Kinfee Daanyew wayita METEK’n ooggannaa turetti Kaampaanii garaagaraa hundeessuun, Xiyyaara maqaa ‘METEC’n bitame tajaajila Aviyeeshinii dhuunfatuun, Dooniiwwan dullooman bituun maqaa suphaa fi baasii garaagaraatiif qabeenyi biyyattii birrii biiliyeenaa hedduun lakkaa’amuu namoota garaagaraa waliin ta’uun faayidaa dhuunfaaf oolfachuun biyyaa fi uummata irra miidhaa guddaa geessissaniiru.

Gama biraatiin hoogganaa INSA kan ture M/Jeneeraal Taklebirhaan Waldearagaay taayitaa harkaa qabu dahoo godhatuun namoota qulqulluu shororkeessummaan shakkaman gara manneen hidhaa dhokataatti gesssuun ajjeessuu, dhabamsiisuu, elektirikaan shok gochuu, qaama saalaa Piinsaan harkisuun dararuu fi miidhaa gara garaa geessisaa akka turan gabaafameera.

Qabamuu jara kanaa ilaalchisuun rogeeyyiin Tigiraay yaada gara garaa kennachaa kan jiran yoo tahu, hattoota hidhaman kana akka goota isaaniitti leellisuun uummatni mootummaa Abiy irratti akka kahu kakaasaa jiru.

Hattootaafii malaammaltoota biyyaa fi uummata ganaa turan tahachuun cimee kan itti fufu akka tahes himamaa jira.

#RDH Sadaasa 04/2011

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …