Oduu Haaraya

#‎OromoRefugees‬ Ijoollee xixiqqoo Ashiita qacalee.


Harmeefi daa’imman
Dhalattoota kalee.
Warra biyyaa baafte
Nafxanyaan maqalee.
Cubbuun isin dhabne
Badii tokko malee.
Kanaaf obsa dhabnee
Bakkayyuu gaddine.
Boonye lammiin keessan
Imimmaan lolaasnee.
Guyyaa naasuuf gaddaa
Walumaan mudanne.
Dhagayi lammiikoo
Amma mala dhabnee.
Isa biyya jiru
Wayyaanetu nyaate.
Isa dheefa baye
Hireen akkas taate.
Yaarabbi Yaagooftaa
Nutti dukkanoofte.
Murteessi murtiikee
Furmaata nuu laadhu.
Gooftaakoo rakkanne
Dafii nuudirmadhu
========
Waloon: Abdulhalim Xaahir

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …