Oduu Haaraya
warra baharitti dhume3

‪#‎OromoRefugees‬ Yaa waaq maal yakkinee ?

Yaa waaq maal yakkinee ?
Dalga nu boochiftaa
Reeffa lammiiwwan koo
Galaana Nyaachiftaa!
Nama Biyya dhabeef
Maal hin gaddituu
Rakkoosaan mudate
Ati hin argituu?
Daa’ima ol deemtuu
Haadha dhiistee baate
Maaluma yakkanii ?
Kan qurxummiif goote
Bara baraan gadda
Lapheetu nu cabe
Keenya keessaa fi alaa
Rakkoo tu nu qabe
Reeffasaanii fuunee
Boonyee hin owwaallanne
Bakkeetu fagaate
Deemnee hin barbaaddanne!
Yaa Waaqa tokkichaa
Har’a komiin qaba
Atis nu dagannaan
Eenyu nu qaqqaba?
Meeqatu boqatee ?
Mee ati nutti himi
Ofii kee galmeessii
Maqaasaanii waami!
Eenyufaatu du’ee?
Eenyufaatu hafee?
Ati bira deemii
Nuu lakkaayi Lafee!
Deemnee bishaan seennee
Reeffa hin barbaaddannu
Galmeessii nutti himi
Akka isaan yaadannu! !
Gammoojjii Saahaaraa
San keessa darbanii
Qoraattiifi aduudhaan
Gidiraa arganii
Maaliif Naachaaf goote?
Maaluma yakkanii?
Atiyyuu ni beekta
Quuqqaa keessa keenyaa
Atis nu dagannaan
Maal abdannee teenyaa?
Maaliif maatiinsaanii
Karaa ilaalaa hafuu?
Nama rakkoon qabeef
Maaf garaan kee hin laafuu?
Atis akka namaa
Matta’aa fudhattee?
Yeroo isaan si waaman
Maaf isaan dagattee?
Bishaan damee hin qabu
Maalsaatuu qabatuu?
Warri ijoolleen dhumtee
Maatiin si komatu!
Unuuf haaraa miti
Boonyees gaddineerra
Garuumee kan saanii
Reeffas argineerra!
Yeroosan si jira
Mee maal dhaammatanii?
Maal arguu barbaadu?
Maal si gaafatanii?
Moo callisuun seenan?
Galaana walakkaa
Sitti mufatanii
Jiraachuukees shakkaa!
Maaloo Yaa Waaqayyo
Maaluma nuu yaaddee?
Ofumaa nu uumtee
Nu fixuus barbaaddee?
Dubbiin akkas taanaan
Dhumasaa nutti himi
Wal biraa akka hin hafne
Wal qixa nu waami!
………..
Harkakeen baay’istee
Dacheerra nu guuttee
Ijoolleekee jaamaa
Maaliif Naachaaf laattee?
…………..
Maatiin gadi bahee
Shakkee karaa ilaalaa
Amanuu dadhabee
Abbaafi garaan dhalaa!
………….
Osoo hin owwaallatiin
Hirmii nyaachaa hafu
Maaf isaan dagattee?
Maal garaankee hin laafuu?
………….
Mana Murtii dhaabee
Seeraan sin himadhu
Jaalalakeef malee
Kanan si komadhu
…………
Waan gooteef si beeka
Maal jedhu kan biraa
Hunduu kankee eega
Si dha hundeen firaa
Galmeen nama hundaa
Harkuma kee jiraa !!
…………
Gadda akka kanaa
Lamuu nutti hin fidiin
Nutis si waammanna
Mee atis nu hin didiin!
………..
Waan gooteef si beeka
Lubbuusaanii maari !
Reeffasaanii awwaalii
Siidaasaanii ijaari !!!

by :- Roobeeraa H.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …