Oduu Haaraya
ibsaa aadam

‪#‎OromoProtests‬ ODUU GADDAA: Ibsaa Adam kan dheengaddaa Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa magaalaa Doguu keessatti rasaan dhahamee ture har’a lubbuun dabartee jirti.

Ibsaan baranuma Yunivarsitii Adaamaa irraa kan eebbifame yoo ta’u eddoo dhalootaa isaatti deebi’ee osoo cidha hiriyaa irraa jiru, loltoonni dhukaasa bananii isaafi namoota jaha kan biroo madeessan. namoota san keessaa shamarree Rihaanaa Ahmad bakkumatti yennaa wareegamtu, Ibsaafi kan hafan shanan gara Hospitaala Gaara Mul’ataa geeffamanii turan. Ibsaan madaa isatirraa fayyisuun dadhabamee guyyaa har’aa lubbuun baatee jirti. Rabbiin gootota keenya hafan waliin jannataan haa qananiisu jenna. Maatiif firoota isaatiif jajjabina hawwina.

Check Also

kfo

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress – …

One comment

  1. Abdirahman A S Ali

    Maatii isaa rabbi has jajjabeessu isallee jannataan haa qananiisu, duuti isaa bilaash hin taane Oromo rabbi waltaasisee qabsoo bilisummaa irratti haa bobbaasu