Oduu Haaraya

‪#‎oromoprotests‬, Dararamuun Ummata keenyaa haa dhaabbatu!

 ‪#‎Kellem‬Wollega Zone, Lalo Kile Woreda
Guyyaa har’aa (03/06/2014) ganama keessaa yeroo 9:30AM irratti oromiyaa poolisiin aanaa Laaloo Qilee irraa hojjetan daldalaa maqaan isaa ‘’ADDISUU AAGAA’’ jedhamu, osoo inni “motorcycle’’ isaa fayyadamee deemaa jiru qabuudhaan, ayyama isaa ergaa fuudhanii booda hiiktuu motora isaa keessatti kutuun karaa irraa butanii mirga nama kanaa dhiibanii, reebani miidhaa jabaa irraan ga’uun yeroo ammaa kana ‘’Hospitaala Aayiraa’’ ciisaa akka jiru ooduun gamasumarraa dhaga’ameera.

Akka namoonni keessa beekan jedhanitti sababni reebamuu “Addisuu Aagaa’’ inni guddaan sababa seera tiraafikaa osoo hin taanee, yeroo ummannii fi barattoonni ‘’Fincila Diddaa Garbummaa fi Maaster pilaanii haarawaa finfinnee’’ mormanii mana hidhaa turan ‘’nyaata’’ geessuun sabboontota hidhaman tajaajila waan tureef haaloo itti qabataniti jedhu. Sababa miidhaa jabaa obboleessa kana irra ga’een ummannis waajjira poolisii aanaa sanaa marsuun lola guddaa irra oolaniiru jedhu. Kana irraan kan ka’e sobanii ummata tasgabbeessuuf poolisoota “Addisuu Aagaa’’ reeban keessaa nama tokko yeroof mana to’annaa galchaniiru; kanneen kaan garuu namniyyuu isaan hin gaafanne jedhu.
Itti dabalees ummanni naannoo sanaa doorsisa poolisootaa irraa kan ka’e akka fedha keenyaatti sochoonee hojii keenya hojjennee jiraachuu hin dandeenye jedhu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …