Oduu Haaraya
liyyuu poolis30

Ummata keenya daangaa irratti dhumaa jiru cinaa dhaabbannee guyyaa ayyaana #Arafaa….

#Qeerroo Oromoo irraa

#Sharegodhaa
***********************
Ummata keenya daangaa irratti dhumaa jiru cinaa dhaabbannee guyyaa ayyaana #Arafaa ummanni muslimaa fi Oromoonni hundi tokkummaan ajjeechaa liyyuhayl sumaalee ummata keenyarratti raawwachaa jiru akka morminu dhaamsa Oromummaa isiniif goona.
Osoo ummanni keenya rasaasan daangaa irratti dhumaa jiru ayyaanni nuti gammachuun kabajnu hin jiru. Guyyaa annaana #arafaa ilmi Oromoo hundi
1) sagalee mormii dhageessisuu
2) Dirree iidaa irratti tokkummaan olkaanee harka keenya walqaxxaamursuun ajjeechaa fi dararaa ilmaan Oromoo irratti hammaate akka dhaabbatu mormuu.
3) Rakkataa hunda gargaaruu
4) Ilmaan Oromoo mana hidhaatti dararamaa jiran gaafachuu,gargaaru fi jajjabeessuu.
5) Haala qabsoo keenya fuulduraa irratti marii gochuu.

Ummanni Oromoo ayyaanota kamuu fuuldura keenyatti argaman sirbaa fi dhiichisaan osoo hin taane
#Gaddaa fi mormii adda addaa mootummaa abbaa irree irraa qabnu agarsiisudhaan kabajanna.
Akkuma ayyaana iidalfaxrii irratti mormii dhageessisnetti ilmaan Oromoo guutummaa Oromiyaa
#Baale
#Jimma
#Arsii
#Shawaa
#Harargee
#Iluu
#Gujii
#Boorana
#Wallagga
#Wallookamisee
keessatti argamnu Oromoota amantii biroo waliin tahuun ayyaana #iidalAdahaa irratti ajjeechaa suukaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru akka morminu qeerron Oromoo waamicha Oromummaa isiniif goona.
Gaafa bilisoomne tokkummaan gammannee ayyaaneffanna.
Osoo obboleessi keenya nurraa ajjeefamuu gammachuun nuti qabnu hin jiru.
#hubachiisa: Abbootin amantii dhimma amantii dabarsuun alatti waa’ee qabsoo keenyaa wanti isaan galchu tokkollee hin jiraatu. Quuqama yoo qabaatan nu cinaa dhaabbachuudha. Kanaan alatti ergama diinummaa fudhattee maqaa amantiin warra sochootuf qeerron Oromoo iddoo kan hin qabne tahuu hubachiisna.
TOKKUMMAAN FALMANNA
NI INJIFANNA.
Baga geessan
Baga geenye
#AYYAANAGAARII.

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …