Oduu Haaraya

OPDOn kaleessa akka lammiif naatutti halaakaa oolte, har’a kunoo poolisii isiituu ari’anii Oromoo ajjeesaa, reebaafi hidhaa jiran.

tplf opdo‪#‎OromoProtests‬ “Halaakaa oolus wadalli harree wareebessa niitii isaarraa hin dhoowwu” jedha mammaksi Oromoo

OPDOn kaleessa akka lammiif naatutti halaakaa oolte, har’a kunoo poolisii isiituu ari’anii Oromoo ajjeesaa, reebaafi hidhaa jiran.

Ambotti lammiin Oromoo akka saree gola hundatti haleelamaa jira.

Yunivarsitii Dirree Dhawaatti daa’imman doormii itti cufanii akka midhaan oogdiirraa tumaa bulan, Shaashamanetti hiriira poolisiin Oromiyaa hayyame federaalli haleelee bittineesse. Haramaayatti qonnaan bulaa keenya ooyruu isaa keessa deemanii adamsaa jiran. Leemmanitti abbaa warraa irraa hidhanii haadhaa intala gudeedaa bulu.

Oromoo kan baasu qabsoo isaa finiinsee ol’aantummaa Tigree cabsee bilisa of baasuudha. Kana ammoo akka gaaritti itti jira, jabaatee fiixa baasuutu isaaf mala.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …