Uu’uu’uu’uuu uuuuu
Yaa ilmaan Oromoo biyya keessaa fi alattis kabajaa dhabne,……
Gochaa suukanneessaan fi gaddisiisaan nama aarsu Baqattoota ilmaan Oromoo 5 fi Amaaraa Gaashaaw jedhamu 1, Akkasumas lammiilee biyyoota biroo Hindii 2, Ruwaandaa 2, Keeniyaa/Kenya 1, fi Yamanoota 6 walii gala namoota 17 irratti tarkaanfii Alqaaydaan Jimaata dabre,Mooraa dhaabbata Mission keessa qaxaramanii hojjachaa turan irratti raaw’atamee dha.Kunis Bulchiinsa shekh Osmaan, Aden-Yemenitti gaafa Jimaataa Bitootessa 5/2016 haala nama gaddisiisuun harka isaanii duubatti deebisanii erga hidhanii booda rasaasaan mataa mataa dhawamniiti kan isaan ajjeefaman.
Isaanis:-
1-Gazaalii Haaji Nashaa, Bakki Dhalootaa Arsii, Ganda:Moddollee-Kombolchaa,
2-Miftaahuu Abbaa bulguu abbaa jawwee Bakki dhalootaa Jimma, Aanaa Geeraa.
3-Ibsaa Ahmad Haajii Bakki dhalootaa Harargee, Araddaa Deefoo,
5-Abdallaa Amiin Ibraahim,Bakki Dhalootaa Harargee, Ganda:Baabbile
Community Oromo Aden gaaffii bulchiinsa mootummaa Yemen kibbaaf reeffa isaanii akka awwaallannu dhiheesse.Bu’aa bahii torban tokkoon booda hayyamni gama mootummaa argame.
Akka kanaan Sirni awwaalcha isaanii guyyaa har’aa bakka Baqattooti oromoo, Hoggantooti Community Oromo Aden/Yemen fi bakka bu’ooti mootummaa Yemen kibbaa argamanitti Bitootessa 10/2016tti Mansuuraa,Aden-Yemenitti haala bareedaan raaw’atamee jira.
Rabbiin isaanitti ha araaramu!
Firaa fi Maatii isaan irraa hafanii fi nuufis rabbiin obsaa fi jajjabina ha kennu.
——————————
Baqattoota Oromoo Adan Yaman:
Dhaamsa lammummaa Abbaa Oromoo fi Haadha oromoof, Akkasumas
Ilmaan oromoo biyya keessaa fi alaaf,
Yaa oromoo kabajaa dhabne,……Kabajaa ofitti ha deebifnuu?Biyyuma abbaa keenyaa itti dhalanne keessatti mootummaa fashistii wayyaaneen dhiigni oromootaa quilqulluu dhibbootaan lakkaawwaman akka lolaa gannaa dhangalaafamaa,Ajjeefamaa, Hidhamaa, Itti roorrifamaa, Daa’ima waggaa 8 hanga jaarsa waggaa 8tti kan sal-phifamaa jiru nu oromoo dha . Akkasumas biyya itti dahannettis nagaa dhabuun jan ajjeefamaa fi dararamni irra gahu ilmaan oromoo ti.
Biyya abbaa keenyaa Oromiyaa waan hundaan badhaatuu, Magariisa rabbiin nu badhaase, Qabeenyi isii nurra dabree ummata Gaanfa Africa iyyuu diinaaf dhiisee waan nyaatu fi kaasu dhabee kumootatti kan lakkaawwaman biyyaa baqachaa jiran irra jireessi oromoo dha, Biyyoota ollaatti rakkoo fi dararamni irra gahu,…Imala hamtuu karaa giddu galeessa bahaatti qajeeluun Baharatti dhidhimee kan irbaata Naachaa fi Qurxummii tahe,……….Warri carraan godhee bahara ce’an Yemen keessatti balaa adda addaatu irra gahaa jira,…… Akkasumas gara gammoojjii Saharaa Africatti imaluun kan irbaata bineensaa tahaa jiru ilmaan oromoo meeqaatam? …
Yaa oromo kun hanga yoomii itti fufaa???
Karaa keenyaan kan jennu biyyaa baqachuun ha dhaabbatu;ga’e.
Lammii keenya du’a rakasa akkanaa du’uu mannaa biyya ofii irratti diina of loluun mirga abbaa biyyummaa isaa fi of bilisomsuuf qabsaawaa du’a seenaa qabu du’uutu furmaata.
Baqattoota Oromoo Adan Yaman
Bitootessa 10 / 2016