Guyyaan Gootota Oromoo MN USA bara kanaa keessummaa kabajaa taate kan argamte, Gootittii j/ Urjii Dhaabaa miseensa WBO duraanii kan yeroo hedduuf dirree qabsoo irratti osoo falmaa irra jirtuu harka diinaa seenaa; jalaa bahaa deddeebi’uun qabsoo finiinsaa turte yeroo ammaa rasaasni mataa ishee keessa kan jiruu fi dararaan hangana hin jedhamne diinaan kan irra ga’e yoo taatu. ayyaanni kun haala ho’aan kan kabajame yoo ta’u, kan kana duraa irraa kan adda isa godhu, hawwaasni Oromoo irra guddan kan irratti argameefi akkasumas dhaaboleen Siyaasaa oromoo kan bakka adda addaa tti of waaman guyyaa kana bakka tokkotti walitti dhufuu haala ho’aan kabajatanii oolan.
Baga lubbun kee asnuuf gahe Jaalle Horjii
ammalle Uriin kee nuuf haadheeratu
nama faajjite galmaan gahu nuhaagodhu nuhis jabaadhu rabbi sihaafayyisuu bilisummaa oromiyaan rabbi sihaagahu …………