Oduu Haaraya
diinquu

Qabeenya Oromoo Dinquu moo Alamuddiintu saamaa jira?

Aalamuddiin warqii Gujii, Shaakkisoo baasee akka fedhetti osoo gurguratuu ; ummata naannoo sanii gargaaruu mitii, summiin warshaa sanirraa bahaa ture ummata naannichaa baayyee miidhaa ture. Maseenuu, sammuun miidhamuu, qaamni harkaa miilaa laamsha’uu, ulfi bahuu fi qaamni hir’atee uumamuun miidhaa gurguddaa warshaan sun ummata keenyarraan gahaa ture.

Badiin Aalamuddiin Oromoorratti raawwate kun hundi osoo jiruu, Abiy Ahmad Saawudii dhaqee Aalamuddiin hidhaa baaasuuf kadhataa ture. Gidduu kana ammoo ‘mootummaan warshaa Aalamuddiin san cufee beenyaan gahaan miidhamtootaaf kafalamee hojii akka dhaabu godhuu osoo hin taane waraaana ramadeefii hojii jalqabsiisuuf deema” oduun jettu miidiyaa garagaraarratti dubbatamaa jirti. Bilxiginnaan Dinquu Dayyaasaa hidhuu fi qabeenya isaa saamuuf miidiyaa Afaan Amaaraatiin dokmantarii irratti hojjattee qilleensarra oolchite.

Qabeenya Dinquu Dayyaasaa keessaa Riizoortii Soodaree cuftee hojiin dhaabbateera. Riizoortii kana keessatti namoota 2000 ol ta’an qacaramee hojjata. Ummata Oromoo ummata kabajamaa Aalamuddiin moo Dinquutu qabeenya Oromoo fi Oromiyaa saamaa ture? Dinquu moo Aalamuddiiniitu Oromoo miidhe?Qabeenya Dinquu moo kan Aalamuddiinitu Oromoo fi Oromiyaaf hin fayyanne?

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …