Oduu Haaraya
https://www.facebook.com/Jawarmd/videos/10105512928124643

Loltoonni Bilsiginnaa yeroo qoteebulaarratti mana guban

EVIDENCE: Amnesty International’s recent report reveled government security forces were burning down farmer’s homes in Guji province. The government vehemently denied that report. The PM recently referred to the report as fiction. Residents have publishing hard evidences that corroborate Amnesty’s report. One of such report showing the special police force burning a farmers house and dancing around it has just surfaced. You can hear them saying even the farm equipments should in the house and burn. What is alarming is the soldiers feel so proud posing for picture and dancing. Such a shameful act and very hard to watch.

Gabaasa Amnesty keessaa tokko loltoonni mootummaa mana ummataa guban kan jedhuudha. Dhugummaa gabaasa kanaa waakkachaa ture mootummaan. Ummanni ammoo ragaa qabatamaa maxxansaa ture. Kunoo ragaa qabatamaa viidiyoo loltoonni ofumaaf kaasanii turanirraa muldhata. Waan heddu nama qaanessu dhageessu. Harqonni qonnaatuu bahuu hin qabu haa gubatu yeroo jedhan dhagayama. Nan yaadadha yeroo Abbootii Gadaa waliin gara kibbaa deemne san mannii ummataa gubataa akka jiru komii dhageenyee turre. Bulchaan godinichaa Abarraa Bunoo ilmaan ofii maqaa dhayee kakatee waakkate. Waan dhageenye san qondaalota naannoofi federaalaaf gabaafnee turre. Mee rabbii isin uume sodaadhaa, qaamni mootummaa ofiin jedhumana jjjigaa hiyyeessaa akkanaa gubuun maal jedhama? Maal abboo hedduun keenya ilmaanuma hiyyeessaa manneen akkanaa kana keessatti guddannee mitii? Qonnaan bulaan tokko manatti tana jaarachuuf xaarii inni keessa darbu hin beeknu? Namni meeqa akka keessa galu hin beeknuu? Maal gara jjabinni akkanaa jarana?

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …