Gocha suukkanneessaa sirni nafxnyaa Oromoo irratti gidduu kana raawwachaa jiran balaaleffachuun Barattoonni Oromoo godina addaa addaa sagalee saba isaaniif ta’uun fincila eegalanii jiru.
Carraan Oromoon qabu waliin ta’ee sirna maqaa Oromoo moggaafatee Oromoo nyaatu kana ofirraa buusee sirna isaaf ta’u amma ijaarratutti qabsoo finiinsuu qaba!
Oromiyaa keessatti humni faannoo jedhee of waamu daangaa darbee kan dhufee mootummaa irraa deeggarsa kan qabu Oromoo irratti:-
Mana isaa irraa buqqisuu
Mana isaatti ajjeesuu
Mana isaatti salphisuu hawaasa kana cabsuuf ykn garboomsuuf yaalaniiruu; keessattuu WBO Uummata kana cinaa dhaabbachuun gatii lubbuu tokkicha qabu saba isaaf kennuun Oromiyaa abboonni nutti kennan irratti gatii baasaa jira. Biyya kanarratti waan Oromoon ta’e bineensi caakkaa hin taane; inumaayyuu Oromiyaa irratti salphate.