Walaloo gabaaba asii gadii kanaa hayyuu,beeka,aalimaa keenya guddaa Sheekh Abubakar Usaman Odaa(#Shek_Bakrii_Saphaloo) tu gaafa lubbuun jiru barreese.
Mee dubbisaa ittiin yaadadhaa.
Hayyuu keenyaaf rahmata kadhadhaa.
Araa bahanii Luba foon hiranii
Yoggaa san gaggaarii nama filamaa,
Baheysuma laalee namu filataa
Isaan santu Raabaa Doorii ja’amaa
Abaan gada’aa ka urjii bokku’uu
Akeekaadhu yaa aboo falaan si namaa
Bokkuu asxaa beekaa gooftaa fugugii
Sibiilli hin tahuu mukarraa qoramaa,
Araa dhabni taanaa maraa dhabamee
Tanaaf ar’a taane gabroota namaa
Bareentumti goota san eentu didaa
Aduun ifa eentu didee mormaa,
Ammoo arr’a bokkuu jira’aan ja’anii
Garii adareedha dhaqee maramaa
Bareentuma gaafas kha miidhen bahuu
Khunooti arr;a ammoo oggolee fi’amaa
Badaa antaree daya’ee san fidee
Dhawetuma gooytaan facaase cumaa
Lafee duute dhaaduu gati irra tarii
Abuun gamnan gootu gowwaa cufamaa
Abee deeyma nyaatee nadhii dhudha’uun
Afaan si mi’eeysitu yaa ilmma namaa
Yoo waatarte yaa boo mee siin hubadhaa
Aduu biliqii darddaraa ganamaa.x2
—————————————–
Kan Walaleesse :-Sheekh Bakrii Saphaloo(Abubakar Usmaan Odaa)
#Cimimmuu Kitaaba kuusa Walaloo
#Saphaloo_Kadiiir‘iin
Oto kan akkasa amma jiraate ODP n nutti him taphattu