Wiirtuu Lammeessaa irraa
Addi Biliisummaa Oromon (ABO) buu’uurfama isaa irraa kaasee, bu’aa ba’ii dararaa irraa agaggamee sadarkaa haar’aa kana irra ga’uun isa ifa. Urraawiinsa ABO madda kana ta’e saagantooleen dhunfaa adda adda gaaddisa ABO kessatti gaaddiddifachuun gaaga’aama waaggaa Afurtamaa miseensoota, firoottan qabsoo Oromo hooggantoota, deeggartootaafi haawaasa Oromoo gaanfa Afrikaa irra qubate mara irraan ga’uu isaa mirkana.
Urraawiinsi ABO galgala keessa miseensoota hagam ta’aan beekuuf rakkisaa haata’uu malee, maqaa ABO jedhuun miseensootni irri caalaan firuummaa Oromoof qabaniifi diinuummaan Oromo irratti qabaachuuf/ qabaacuu malan osoo sirna dhaabaatiin hinqooratamiin carraa miseensuummaa haargachuuf itti milkaawaniiru.
Carraan miseensuummaa akka salphaatti haargame kuni Hooggantoota boruuf abdii ta’aan heeddu liqimsera. Dhala Oromo 100,000 kan caalan hidhaatti gureera, kan ukkaamfamanii haar’a irraa boru muldhachuu maluu jadhamanii abdiin warri egaman lakkoofsuma 100,000 tuqame kanaa gadii hin ta’aani, lakkoofsa ilmaan Oromoo dhumatan namuu maatii isaani irraa ka’aanii lakkoofsa tilmaammuu nidhanda’u, kan qe’ee haadhuurti itti ciitte irraa warri goodaansiifaman xiqqaatti 100,000,000 bira darba. Kan biiyaa kessatti haafe to’aatnoof akka tooluuf hiyyummaa akka dararfamee bu’aa isaatiif dhama’uun daran bu’aa dhaloota isaatii akka dagatu goodhameera.
Egaa waluumaa galatti, mooraan ABO dhaa mooraa miseensootiin ABO kessuummaa waliitti itti ta’aanifii warren haafaniif immoo mooraa itti saganttaa bara dheeraa dhookate itti shaakalan akkasuumas mooraa Barnoota haammayyaa kana akka Phd itti argatani jireenya dhuunfaa ofiitiif kan itti bobba’aani ta’eera yoo jedhame dhugaa irraa hin fagaatamne.
Moraa ABO jabeessuun maaliif barbaachise?
Yeroo dhaltii Oromoo naqaqqabaaf imiimmaan ofirratti dhangalaasan maaf imimmaan irraa haaquu nuhaanqise?