Oduu Haaraya

“ABOn lola ittisaa irraa gara jijjiirraa fiduutti tarkaanfachaa jira,” Jaal Daawud Ibsaa

by Oromedia

(Oromedia, 12 Sadaasa 2013) Ayyaana FDG bara 2013, Canada, Torontotti kabajame irratti karaa toora skype sududaan dhiyaatanii ibsa kallattii haala ABOn keessa darbee fi yeroo ammaa keessatti argamu kan kennan Hayyuduree ABO, Jaal Daawud Ibsa, ABOn duula badiinsaa itti aggaammatame karaa hedduu ofirraa qolachuun qabsoo hidhannoo fi diplomaasii jijjiirraa hundee fidu gaggeessuutti akka jiru yaadachiisaniiru.

Keessayyuu, baroota 1990moota keessa duulli itti baname kan sadarkaa olaanaatti jireenya dhaabichaa qormaata keessa galche ta’uu kan ibsan Jaal Daawud, haleellaa fi shiroota sadarkaa addunyaatti ABO dhabamsiisuuf itti baname ofirraa deebisuun qabsoo of-ittisuu irraa gara jijjiirraa fiduutti tarkaanfachaa akka jiru illee hirmaatotaaf mirkaneessanii jiru.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

One comment

  1. Fincilli Diddaa Garbummaa biyyarraa buqa’ee biyya Norwayii fi Kanaadaa galee jira. jijjirama hunde qabeessa. diinni kan jiru Oromiyaa keessa Fincilli diddaa garbummaa Dawid Norway fi Canada. gara ittisaa irraa gara aleellaatti ceetan.kkkkkkkkkkkkkkkkk………..

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *