Ajjeechaa humni nageenyaa Itoophiyaa Oromiyaa keessatti bara 2019 keessa raawwataa ture keessaa ‘nama sababa bilbilli isaa iyyeef qofa itti dhukaafamee ajjeefamuun’ taatee tokkodha jedha Aministii Intarnaashinaal.
Humnoonni nageenyaa mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuuf jecha ajjeechaa, hidhaa jumlaafi hiraarsa ummatarraan geesiseera jedha gabaasni Aministii bara 2019 kun.
Ajjeechaafi sarbamni mirgoota namoomaa kun kan gaggeeffaman baruma Ministirri Muummee Abiy Ahimad Badhaasa Noobeelii Nagaa argatanittidha. Guutuu isaa