Oduu Haaraya

Angawoonni magaalaa Adaree fi kan Bulee Horaa maal jedhu? Walisoon maal keessa turte?

Godiina Wallaggaa Bahaa aanaa Nunnuu Qumbaa magaalaa Adaree keessatti bulchiinsi magaalaa misooma maqaa dhahachuun uummata walgahii waamuu isaa fi uummannis waa’ee misoomaa utuu hin dubbatiin dura rakkoo hamaa amma Oromiyaa keessa jiru kan barattonnii fi jiraattonni itti hidhamaa ajjefamaa fi dararamaa jiran irratti deebii nu kennaa jedhee gaafachuun isaa mormiitti jijjiramee jedhu jiraatonni.Sana boodas walgahiin suun gara mormiitti jijjiramee humni Fedeeraalaa dhufe namoota reebee kaan hidhee hammaannaa uummannai magaalattii gara baadiyyaatti dheessuu isaa kan jiraatonni ibsan Robii darbe dhiyeessine turre.

Bulchaan magaalaa Adaree Obbo Warqinaa Qajeelaa waa’ee kanaa gaafatamanii namoota magaalattii keessatti ba’a baachuun jiraatanii fi kanneen baadiyyaa irraa magaalaatti galantu Sambata, Dilbataa fi Kibxata darbee galgala galgalaa daandilee irratti bobba’uun sirboota tuttuqqaa of keessaa qaban dhageesisaa akka turan dubbatan. Jarreen kun dhuma irratti poolisii magaalaaa wajjiin walitti bu’uu isaanii fi poolisiin tokkoo fi namni tokko mada’uu dubbatan. Sana boodas waajiira bulchiinsa magaalaatti dhakaa guruun akkasumas galmeelee komputaraa fi kanneen biroo guban jedhan. Namoonni qoratamaa jiran akka jiranii fi haalli humnaan ol yeroo ta’u humni Federaalaa akka seenu godhamuus dubbatu Obbo Warqinaa Qajeelaa.

Gama kaaniin Godina Boranaa magaalaa Bulee Horaa keessatti namni biskileeta motaraa oofaa ture Alamuu Yeboo dogoggoraan rasaasaan rukutamuu bulchaan magaalaa Bulee Horaa Obbo Daadhii Dhaddachaa ibsanii jiru. Konkolaataa Kontroobaandii fe’ee ture tokko dhaabsisuuf kan dhukaafameetu isa galaafate jedhu. Kanas kan dhukaase poolisii Federaalaa yoo ta’u to’annaa seeraa jala oleera jedhan. Kun ta’uun kan isa mufachiise uummanni humna nagaa eegsisuu waliin walitti bu’iu ibsanii namni Nigusee Guyyee jedhamu rasaasaan rukutameera isa jedhus qorachaa jirra jedhan. Yeroo kanattis qabeenyaa mancaasuu fi gubuun akka ture dubbatanii jiru.

Godiina shawaa Lixaa keessatti barattonni manneen barnootaa sadarkaa lammeessoo Garasuu Dhukii fi ka qophaa’inaa akkasumas kan garaa garaa hanga kaleessaa jechuun Guraandhala 4 bara 2016tti hiriira ba’uun rakkoo adda addaa himachaa turan. Waraannii FAXINOO jehdamu hiriirtoota kana irratti gaazii imimmaan ilaa namaa keessaa ooftu itti biiftee bittinneessaa hidhaa fi kaan dhaanuu isaa dubbatu jiraatonni magaalaa Walisoo.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …