Oduu Haaraya
najjoo

Ayyaana DH.D.U.O Kan Magaalaa Mandii Mormiin Mudachuu Jiraattonni Dubbatan

Mormii Oromiyaa (Mirga) fi kabaja ayyaana Dh.D.U.O oggaa 26ffaa (Bitaa) {Suuraa Faayilii}

Godina Walaggaa dhiyaa magaalaa Mandii keessatti har’a ayyaana waggaa 26ffaa hundeeffama dhaabbata dimokraasummaa uummata oromoo kabajamaa ture irratti mormiin ka’uu isaa jiraattonni magaalattii nuuf ibsanii jiru. Barattoonni mana barnootaa Abdii borii jedhamuufi kan giddu galeessaa galma ayyaanni kun keessatti ayyaaneffatamu cina dhaquu dhaan mormii isaanii dhaadannoo dhaa fi sirbaan dhageessisaa turan jedhu jiraattonni.Jiraataa magaalaa Mandii obbo Hundumaa obsaa haal har’a uumame nuuf ibsaniiru.

Jiraattonni magaalaa Mandii akka jedhanitti dargaggoonni mormii qaban dhiyeeffachuuf galma wal ga’ii OPDO dhaquu dhaan dhakaa darbaa, dhaadannoo dhageessisaa turan. Korri bittinneessaaf humnootiin Federaalaas bobba’anii ijoollee kana hanga ganda keessaatti faana dha’anii reebaa kan argatanis qabanii mana hidhaatti naqaa turan jedhan.

Uummati Oromoo dhiigi ilmaan isaa dhiigi dhangala’aa kaan hidhaatti kaan immoo achi buuteen dhabamee utuu gadda irra utuu jiru ayyaana ayyaaneffanna jedhanii ba’uun hanga dhiiga ilamaan keenyaa dhuganii ti jechuu dhaan aarii dhaan dubbatu jiraattonni kun.

Itti gaafatamaan waajjira poolisii magaalaa Mandii Inspeekter Sandaabaa Fufaa garuu ayyaanni kun nagaa dhaan xumurame. Uummatis ba’ee ayyaaneffatee gale jedhan. Reebichi hidhaan raawwatame hin jiru. Mormii kan jedhames ijoollee mana barnootaa sadarkaa duraa kanneen 15-20 ta’antu daandii irraa wacaa ture. Isaanis namni itti bu’e hin jiru. Nagaan manatti galaniiru jechuu dhaan komee jiraattonni dhiyeessan kana haalaniiru.

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …