Waraannii naannoo Soomalii, Oromoo daangaa Soomaletti dhihaattu ammaas weeyrare, namni kumaan lakkaawamu balaa haarayaaf Saaxilaman.
Gabaasaan Mayyu (ona Anniyyaa) irraa nu dhaqqabe akka mirkaneeysutti Waraannii dhaabbataan naannoo Soomalii kan Ogaaden fii loltoonni Liyyuu Polis kan Ogaaden keeysatti ummata shoorarkeeysuun beekkame, daangaa naannoo Oromiyaa cabseee, lafa Oromoo Anniyyaa, Mayyuu Muluqee humnaan dhuunfate. Akka gabaasaa tanaatti, torbaan dabre guyyaa Salaasaa, tuutni loltoota Somalee lamaanuu harka tokko tahanii Oromoorratti waliin bobbahanii jiraattoota Oromoo kanneen naannoo Mayyuu qubatan balaa guddaa irraan gahanii jiran.
Gaafa dura humna waraanaatiin dhufanii Oromiyaa dhunfatan, Wayyaaneen Ummata Oromoo kan amma wayyaba tahe saba xiqqatti deebisuun nidandayama yaada ja’u Mallas dubbatee ture. Sagantaa dabaa, tan ummata Oromoo xiqqeeysuufii lafa isaa dhiphisuu kana hojiirra oolchuuf Wayyaneen, ollaalee Oromiyaa gara hundaan hidhachiiftee Oromoorratti bobbaasaa jirti. Humni Liyyuu Poolis, humna wayyaaneen jaartee hidhachiifte tahuun hubatamaadha.
Tarkaanfiin Liyyuu Poolis fii humna waraana Ogaaden kan amma Mayyutti bobbahee kuni Oromoo lafa isarraa buqqisani saba biraa qubsiisuuf sagantaa lafa kaayyame dalagatti hiikuuf duula walirraa hin cinne tahee jira.
Akka kanaan baatii ( ji’a ) jahan dabre baha Oromiyaa kutaa Harar, Oromoota Anniyya, Oromoo Jaarsoo tiifii Oromoo naannoo Mi’eeysoo qubatan lafa isaaniirraa buqqiftee Ogaadenootaafii Issaaf kennanii ummatoota Oromoo fii Soomalee jiddutti xifaa uumani jiran. Baatii April tana keysa, lafa Anniyyaa ona Mayyuu irratti duulli gara Ogaadeniin baname Oromoo kumaatamaan lafa isaa, Mayyurraa buqqisee jira. Oromoon meeshaa,humna waranaatiifii lojistikii (logistics) akka isaanii waan hin qabneef lola itti baname dura dhaabbatuu hin dadeenye. Warri Oromoo Anniyyaa, Jaarsoofii Mieeysoon lolaa jiru kun eenyu faa? 1, Waraana mootummaa naannoo Soomalii fii,2, waraana addaa ka liyuu police ja’amu, ka wayyaaneen akeeka ykn dalagaa tanaaf qopheeyfatte.
Mayyu lafa jidduu Cululiifii laggeen Ereriifii Gobeelle jiddutti argamti. Lafti Mayyu ja’amtu tun hedduu guddoodha. Dheerinni isii kaabaa kibbatti km 350 ni caalti, baharraa dhihatti KM 180 ni caalti. Lola haaraya kanaan Qabeenyi Anniyyarraa a’ame (saamame); Loon 475, Gaala 25 fii Harree 15
Ummanni Oromoo Anniyyaa kan ona isaarraa buqqa’ee Huusetti walitti qabamee jiru 500,000 ni gayan ja’ama
Namoonni gataniis ni jira. Lafa qonnaa kani duraan qabaniifii oomisha isaanii akkasumatti dhiisanii biraa baqatan. Ummanni Oromoo qawwee gayaa hin qaban. Bakka heddutti mootummaan irraa hiiktee jirt. Hanga xiqqaa harkatti hafeef ammoo rasaasa hin qaban. gara geejjibaatiin akkasumatti ir’ina guddaa qaban. Yeroo kuni tahu Soomalootaafii Wayyaanota hidhannoo fii rasaasni konkolataa, xayyaaraa fii gaalatti fe’mee jala deema. Karaa biraatiin yoo Oromoon Anniyya humna waraana Soomalee kan ofirraa dhawan OPDOn hidhannoo ni hiikkachiifti.Torbaan dabre yeroo ummanni Oromoo Anniyyaa humna Soomalee ifirraa ittisuuf tattaafate, OPDOn ajaja Wayyaneetiin namoota Oromoo kudhanirraa qawwee hiikanii turan.
Balaan ammaa tuni tan Anniyya, Jaarsoo fii Mi’eeyso qofa xiyyeeffattee miti. Balaan tuni tan Wayyaneedhaan karoorfamte; balaa duguugiinsa shanyiiti. Kanaafuu Oromoon gara hundaan harka walqabatee, duguuginsa shannyi kan akka ummataatti isaan aaggate kanarraa if eewaluu qaba.
Biyyaa ambaa teessanii nuti hinboyinaa!
Jaalannus jibbinus, Sulmaaleen, Ogaaden fi wayyaneen dhiirumma isaanii lafa oromo saamuumudhaan mirkanessanii jiru! Oromon yoo lakki dhiira malee “dhoqee” mtii offin jettan akuma isaanii lolaati biyya keessan dhuunfadhatii abba biyyummaa kessan mirkaneessaa. Bara baraan biyya aambaa teessanii boyuun fayidaa hinqabu.Biyyaa ambaa teessanii nuti hinboyinaa!
Jaalannus jibbinus, Sulmaaleen(Ogaaden) fi wayyaneen dhiirumma isaanii lafa oromo saamuu dhaan mirkanessanii jiru! Oromon yoo lakki nutis dhiira malee “dhoqee” miti ofiin jettan akuma isaanii lolaati biyya keessan dhuunfadhatii abba biyyummaa kessan mirkaneessaa. Bara baraan biyya ambaa taanii boyuun fayidaa hinqabu.