Hegeree Oromiyaatiin
Makka Al-Mukkarramaa fi Masjiid Al-Haraam . Ful-bana 11/2015
Wiisha guddaa lafa haramaa keysatti kufeen namni 87 du’ee namni 201 kan biraa madaawun isaanii gabaafame jira.
Akka ibsi Polisii Magaalaa Makkaa irraa kenname ibsutti namonni du’anii fi madaawan kan dabalu malan tahuu isaani ibsi polisi makka irraa bahe kuni dabale addeyse jira.
Sababni kasaaraan guddaa kuni itti dhufuu dandeyef bokkaa guddaa fi qillenssa hamaa naanno kana mudateen kuni kan tahu dandye tahuun gabaafame jira.
Kaantiibaan magaalaa makkaa amiir khaalid al-feysal sababa kasaraan kun itti dhufe daddaffiin akka qoratamu qabu dhaamani jiru.