Oduu Haaraya

Baqattoonni Oromoo 800 olitti shallagaman ka biyya Misra magaalaa Kaayroo keessa jiraatan mormii saanii dhageesisaa oolan

Hegeree Oromiyaa

Hiriira Mormii baqattottonni Oromoo kaayroo jiraatan Habashotaa fii Embaasii Ethiopia tiif qaban agarsiisuuf Onkololeysa 28/2014 fuula UNHCR Kaayroo duratti gadgeysa olan haalaa miidhagaa fii injifanno bonsaan xumuramee jira.

Hiriiraa nageyaa baqattonni Oromoo magaalaa Kaayroo jiraatan gadgeeysan kuni ganama keeysaa sa`atii 10tti wayta egalamuu hawwasnii hiriira kanarraa qodaa fudhatan akka qopheysitonni himanitti nama 800 kana caalutuu irraa qooda irraa fudhatee jechuus dubbatanii jiru.

Hiriira nageyaa fii balaaleyfanaa Habashaatiif bahamee kana Ijolleen mana barumsaa barattu fii haawwaan akkasuma manguddonni fii shamarran Oromo tokklleen oso hin hafin hiriiracharraa qoda guddaa fudhachuudhaan hiriirichaaf midhigina guddaa kennanii fii jiru.

Dhaadannon hiriira kanaa Keziin Oromoo Oromoo qofaafi dhiibbaan habshootaa fii embaassii wayyaanee Kaayroo nurraa haa dhabbatu jechuun barreyfamaan UNHCRtti galfatanii jirru.

Maayyiirratti boqattoonni Waajjira UNHCR Kaayroo irraa namni sadii himannaa baqattoota Oromoo Kaayroo kana irraa dhaggeyfachuudhaan furmaata itti laachuu fiis ballama cimaa galanii fii jiru,

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …