Oduu Haaraya

Baqattoota Oromoo baayyinni isaanii 26 ta’an waraana mootummaa Keeniyaatiin qabaman.

Nairoobi, Keeniyaa 

Baqattooti Oromoo baayyinaan 26 ta’an bakka mana jireenyaa qubatanii jirani keessaa hulaa manaa/balbala irratti cabsuudhan kaan bansiisuun waraanni Keeniyaa qabamuun beekame. Waraanni Keeniyaa halkan mana jala buluun Onkoloolessa gaafa 26, 2013 ganama barii sa’atii 06:20 tti baka maatiin ciisutti gaaffii tokko malee ulee fi dhiitichaan mana keessaa gadi guuruun konkolaataa pataroolii lamaan fuudhamanii mana hidhaa Poolisaa naannoo Eslii Baangaanii jedhamutti guyyaa tokkoof kan hidha yoo ta’u, baqattooti Oromoo kunneen ragaa baqataa seerummaa maandeta UNHCR qabaachuu agarsiisanillee humni keenyaa kun fudhachuu diduudhaan weeyrara guddaa ganda baqattootni Oromoo baay’inaan qubatan kanatti godhanin baqattoota Oromoo qaban guyyaa tokkoof mana hidhaa kanatti nyaataa fi bishaan malee olchaun darara turuun hubatameera. Miidhaa qaamaa guyyaa tokko irraa gahaa oolanii gara galgalaa erga baqattoonni kun UN fi NGO jiranitti iyyataniin booda baqattoota kana suuraa fi ashaaraa hedduu kaasuudhan Onkol. 30tti mana murtii farra-shororkeessummaa olaanaa Keeniyatti akka dhiheessitan jechuun harkaa baasuun beekameera.

Baqattooti Oromoo jiruu fi jireenyi biyya abbaa isaanii keessatti itti hadhaye lubbuu isaanii baafachuuf gara ollaa Oromiyaatti baqatan kana irratti mootumman Keniya Wayyaanee/TPLF waliin ta’uudhaan lammii Oromoo bakka isaan baqatan maratti dhabamsiisuu fi akka hin jiraanne gochuun kan ittin fufiinsaan geggeeffamaa jiru ta’uun isaa yaaddoo guddaa fi fala dhala Oromoo mara irraa akka lammiitti eegamu ta’uu keesa beektooti ni ibsu.

Maqaa baqattoota Oromoo mootummaa Keniyaatiin dharaan yakkamanii himati itti dhiyaate keessaa:

1- Abdataa Sha’aab – Baqataa
2- Amiir Aliyyii – ”
3- Zaakir Hamzaa – ”
4- Ruduwaan Nuuree – ”
5- Nabiil Jamaal
6- Abdulhakiim Abdullaahii – ”
7- Muniir Abdullaahii – ”
8- Hassan Abdullaahii – ”
9- Aarif Amiin – ”
10- Dursaa Haarun – ”
11- Bahar Mahammad
12- Abraahim Oromoo
13- Birraa Alii
14- Anawaar Mahammad
15- Abdurahiim fi hadhamanaa
16- Ra’iisaa /haadhamanaa/
17- Amiir Ahamad Usumaan
18- Ziyaad Dabbasoo
19- Gammachiis Ibsaa
20- Ahamad Nuuree
21- Ibsaa
22- Sa’id Umar /Jarman/
23- Abdii Alii Abbaas
24-
25.
26.

Namoota Olitti maqaan isaanii ibsame kun maatiin abbaa tokkootii fi abbaa manaa fi haati manaa waliin kan qabaman yammuu tahu manneen isaanii saka’atta’uun ulee fi qawween sodaachisanii kan qaban ta’uun beekameera. Kanneen UN jalatti beekumsa argatanii maandeta qaban 20 kan hafan ammoo warreen beellamaan UNtti deddeebi’aa akka ta’es hubatameera.

Kanaaf, mootummaan Keniyaas akkuma mootummaa abbaa irree Wayyaanee ilamaan Oromoo lubbuu isaanii baraarfachuuf lafa isaatti baqatan yakka dharaa tolchuudhaan miidhaa irraan gayaa waan jiruuf lammiin Oromoo marti iyyataa fi miidhama baqattoota Oromoo Naairoobi Keniyaatti gahaa jiru kana gara dhaabbilee mirga dhala namaaf falmani, akkasumas mootummoota dhiyaa fi saba himaalaee addunyaatti dabarsanii akka birmachiisaniif gaafatanii jiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …