Oduu Haaraya

Barattoonni magaalaa Mandii hiriira farra mootummaa geggeessan jedhu jiraattonni Poolisiin immoo himannaa sana ni haale

Tuujubee Hora

Faayilii - Mormii Oromiyaa

Faayilii – Mormii Oromiyaa

Godina Wallaggaa dhiyaa aanaa Manasibuu mgaalaan Mandii bakka hiriirri mormii Oromiyaa keessaa itti geggeessamaa ture keessaa tokko.

Magaalattii keessatti barattoonni mana brnootaa kutaa 9ffaa fi 10ffaa mormii dhageessisuu dhaan kanneen hidhaman haa hiikaman garbrummaan nu ga’a jechaa dhaadannoo fi sirbaan komii isaanii ibsaa ka jiran ta’uu jiraattonni magaalattii ibsanii jiru. Humni poolisiis bobba’ee hiriira kana bittimsuuf jecha samiitti qabee dhukaasuu, ijoollee kana daandii irraa qabee reebuu dhaan kan miidhaman illee jiraachuu nuuf ibsanii jiran jiraattonni magaalaa Mandii.

Itti gaafatamaan waajjira poolisii magaalaa Mandii Inspeekter Aabbosee Faasil immoo immoo hiriirri geggeessames namni miidhames hin jiru magaalattiin nagaa dha jedha. Akkuma duraanii uummati jireenya isaa guyyuu geggeeffataa jira jechuu dhaan himannaa jiraattotaa kana haalanii jiran.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …