Oduu Haaraya

Calanqoo Keessatti Poolisiin Lubbuu Galaafate: Jiraattotaa fi MaatiiPoolsiin Garuu Himannaa Dhiyaate Haale

Godina Harargee bahaa aanaa Meettaa Magaalaa Calanqoo keessatti kaleessa walitti bu’iinsa garee namootaa gidduutti ka’ee jedhameen namni tokko ajjeefamuu jiraattonni magaalattii fi poolisiin magaalaa Calanqoo nuuf ibsanii jiran.

Intalli durbaa umuriin 18 dubree sabriinaa Abdallaa jedhamrtu rasaasa poolisiin beekaa itti dhukaasuun ajjeefamuu jiraattonni fi haati Sabiriinaa dubbataniiru. Sirni awwaalcha Sabriinaa har’a magaalaa Calanqoo keessatti raawwatamee jira. Poolisiin garuu akka tasaa dha’amuu ishee irraan kan hafe dhimma isaa quba hin qabu jechuun hale.

Akka amantii musliimaatti dubartoonni bakka awwaalchaa waan hin dhaqneef haat Sabriinaa manuma turan. Gadda keessa utuma jiranii maqaa isaanii nutti himuu dhaan akkaataa intalli isaanii itti duute nuuf ibsan.

Mucaan koo salaata dhaqxee nu deggeruuf waan humna ishee hojjechuu malee dubbii namaa hin dhaqxu jedhan. Qaama mootummaatti iyyannus namni nu jalaa qabe hin jiru innumaa iyyuu bakka awwaalchaattuu dhukaasi ka’e namni achii ari’ame jedhu haati Sabriinaa Abdallaa aadde Aashaa Muummee.

Poolisii Sabriinaatti dhukaasuun ajjeese jedhame qorataan yaakkaa aanaa Meettaa kan magaalaa Calanqoo obbo Geechoo Memberaa nama tokkotu ajjeefame jechuu dhageenyee jirra. Kan itti dhukaase garuu ana miti. haalli isaa qoratamaa jira jedhan.

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …