Oduu Haaraya

Dargaggoo Oromoo Dirriibii Nagaasaa Mul’ataa Oromummaa keen wareegamte,gumaa kee isa jirutu baasa!

Oduu Gaddaa:
Qabiin ilmaan Oromoo qabe hadhooftuu burqee hin dhumne,madda laga bal’aa qabudha. gidduu kanas gadda cimaa tokkotu lootee dhuftee,keessa keenya ciincessite.

Dargaggoo Oromoo kan ta’e Dirriibii Nagaasaa Mul’ataa kanaan dura sababa oromummaa isaaf mana hidhaa ma’akalaawwii fi qalliitti bara 2011 irraa qabee hanga bara 2013tti namoota 69 wajjiin shakkii miseensummaa Addaa Bilisummaa Oromootin hidhamanii turan. mana hidhaa nyaaphaa keessatti dararrii fi reebichi guddaan isaa irraa waan gaheef dhukkubsatee mana yaala ciisa akka ture fi achis bahee dhukkubbii miidhama isaa kana irraa fayyu dadhabuun yeroo adda addatti mana yaalatti deddebi’un yaalamus wayyaa’u hin dandeenye. kunoo guyyaa kaleessaa kana osoo mana yaala Godina Shawaa lixaa aanaa caalliyaa magaalaa Geedootti yaalama jiru addunyaa kana irraa du’aan boqotee jira. sirnii awwalcha isaa guyyaa boru (11/12/2014) bakka dhaloota isaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Caalliyaa naannoo Magalaa Geedootti akka ta’ees odeessi achii madde ni addeessa. Kanaaf Oromoon naannichatti argamtaan reeffa sabboonaa kanaa kabajaan akka gaggeessitaan maqaa Oromummaan isiin gaafanna!! Warri fagoorra jirrus kadhanna sammuu fi yaadannoo akka goonuuf gamanumaan dhaamuun fedhe!

Egaa Seenaa Jireenyaa Guutuu Dargaggoo keenya kanaa Yeroo gabaabduu keessatti isin biraan geenya! Dargaggoo Oromoo Dirriibii Nagaasaa Mul’ataa Oromummaa keen wareegamte,gumaa kee isa jirutu baasa,lubbuun kee jennata keessa nuuf haa boqattu!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …