Oduu Haaraya
diimaa fii aabbaa duulaa

Dr Diimaan Misooma Itoophiyaa Dinqisiifate!!

 

(Oromedia, Finfinnee, 22 October 2014) Dr Diimaa Nagawoo misooma Itoophiyaa keessatti deemaa jirutti hedduu gammaduu isaa keessa beektoti saaxilan.

Akka odeessi nu gahe ibsutti, Dr Diimaan qondaaltota OPDO keessaa Abbaa Duulaa Gammadaa fi Muktaar Kadir waliin walarganii mari’atanii jiru.

Walqunnamtiin kun akka milkaaúuf gahee guddaa kan taphachaa jiru, Ob Alamaayyoo Katamaa ta’uun beekameera.

Akka odeessi nu dhaqqabe ibsutti, Dr Diimaan guyyaa Finfinnee seene irraa kaasee namoota ijaarsa ODF leellisanii fi qondaaltota OPDO waliin marii iccitaawaa gaggeessaa jira.

Maddi keenya akka ibsetti, namoota Dr Diimaa waliin walitti dhiyaatanii marii irra turan tokko tokkoon bira gahee gabaasee jira.

Dr Diimaan marii warra OPDO fi qondaaltota TPLF waliin godhe keessatti guddina Itoophiyaatti hedduu gammaduu isaa dubbatee jira.

Dr Diimaan waadaa cimaa mootummaa waliinseenuuf yaalii guddaa godhus, amma illee OPDO fi TPLF biratti ija shakkiin ilaalamaa fi hordofamaa akka jiru maddi keenya ibseera.

Dr Diimaan garuu kaayyoo mootummaa fudhatee biyya keessatti hojjachuuf murteeffatee akka jiru odeessi nu gahe mirkaneessee jira.

Warri Mootummaa akka Dr Diimaan karaa telvizyinii Itoophiyaa dhiyaatee ibsa kennuuf irratti hojjachaa jiru jedha, maddi keenya..

Odeessi dabalataan nu gahe akka addeessutti, Dr Diimaan akka biyya seenuuf kan akka riqichaatti gidduu deemee haala mijjeesseef Ob Alamaayyoo Katamaa dha. Karaa mootummaa Itoophiyaa immoo dhimma kana Ob Alamaayyoo waliin kan raawwachiise Abbaa Duulaa ta’uun beekamee jira.

(Dhimma kana irratti iccitiin guddaa harka keenya galee jira. Yeroo gabaabaa keessatti qindeessinee isiniif dhiyeessinaa, nu hordofaa!!)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …