Oduu Haaraya

Aadaa fii seraaa kenaa baradhaaa dhiroo!

1) Gumii gaadaa jechuun maal jechuudhaa?

Gumiin kora (walgayii) yookiin walitti babbayii abbootii gadaatiifi gos­aati. Gumiin abbootii gadaa (yaa’aa )n hoogganamte, gosa naannoo gumiin itti teessu jiran hundaa hirmaachifti. Gu­miin kora abbootii gadaa gosa gosaan gaggeeffamuudha. Korri abbootii gadaa gosaan gaggeeffamu kun, waggaa sad­deet keessatti gumii (kora walii galaa) ni waama. Gumiin Oromoo Booranaafi Gujii biratti wal-gayii ol’aanaa abbootii gadaafi ummataa yoo ta’u, Oromoo kal­lattii biraa biratti, Caffee yookiin Yaa’ii jedhamuun beekama.
Sirnoota dabran keessatti ummanni karaa nagaatiin itti gammadee gumii taa’aa hin turre. Sirumaayyuu gumiis ta’e Sirna Gadaa Oromoo balleessuuf yaaliin hin taasifamne hin turre. Gumi­in yaa’ii Sirna Gadaa gabbistuufi rakkoo hawaas-dinaagdee hiiktuudha. Yaa’iin yookiin gumiin kun iddoo adda addaatti addaan cittus, godinoota tokko tokko keessatti dhoksaadhaan akka taa’amaa ture maanguddoonni ni dubbatu. Yeroo ammaa kana garuu galanni qabsa’oota ilmaan Oromoofi qabsaotaa oromoo hudha kaa lubuu ufii dabarsee.. haa ga­luutii sodaafi ukkaamsaan durii sun ni cabe. Gumiin Gaayoo ille bu’aa kana ni dhamdhamatte.

2)”Gumiin Gaayoo maalummaan beekamaa ? Yoom jalqabamee?”

Gumiin Gaayoo ardaa jilaa godina Booranaa aanaa Dhaas ganda Gaayoo keessatti argamu yoo ta’u, ardaan ji­laa kun ardaa abbootiin gadaa seera itti haaromsaniifi seera haaraa lalla­bame iddoo itti raggaasisaniidha. Gu­miin Gaayoo bara gadaa Abbaa Gadaa Daawwoo Gabboo (1764) irraa kaasee, Oromoo Booranaatiif wiirtuu jilaa akka taateefi marsa gadaa 40ffaa akka keessummeessite ni dubbatama. Gumii Gaayoo kanarratti seerota fooyya’uufi jijjiiramuu qabanis haaluma yeroofi gaaffii gosaatiin kora itti keessumeef­famuudha. Adeemsi kora Gaayoo ku­nis, jijjiirama hawaasaafi haala guddina hawaas-dinaagdee Oromoo Booranaar­ratti hojii guddaa kan raawwachaa ture yoo ta’u, jireenya Oromoo Booranaafi walitti dhufeenya inni saboota ollaa wajjin qabu kan itti madaalamuufi hiik­oo argartuudha. Kana malees mirgoota dubartiifi daa’immanii, akkasuma mir­goonni namoota harka qal’eeyyiifi rak­kinoota gosaa, dhimma buusaafi gono­faa, dheedaafi obaafi k.k.f. iddoo itti sakatta’amuufi falli itti kennamuudha.
Gumiin Gaayoo safuu mataa isaa qaba. Oromoo Boorana biratti Gumii Gaayoorra hin qotan; namni itti hin aw­waalamu. Yoo mana itti ijaaruuf muka irraa muraanis daraaraa itti naqatan. Gu­miin Gaayoo walakkaa lafa Booranaa waan taateef gosonni Booranaa 17 (Di­galuu, Maxxaarrii, Karrayyuu, Daac­cituu, Odituu, Galaantuu, Maccituu, Bachituu, Siraayyuu, Koonnituu, Arsii, Hawaaxxuu, Qarcabduu, Warra Jiddaa, Malliyyuu, Dambituufi Noonnituu) Gu­mii Gaayoo akka wayyuutti ilaalan.
Gosti Booranaa 17nu Gumii Gaayoo hordofuuf yoo ganda Gaayoo dhufan, guyyoota hedduu waan achi turaniif gosa gosaan ‘diidaa mana waaqaa’ Gaayoorratti qubatan. Yeroo qubatanitti osoo gumiin hin gaggeeffamiin dursanii gosa gosaan taa’anii rakkoo gosaa qo­ratan. Akka ilaalcha Oromoo Boora­naatti irreen Boorana gosa Booranaati. Booranni gumii kanaan seera adda add­aa qorata; seera namaa, yookiin ilmaafi intalaa, seera marraafi bishaanii, seera mukaa (muka jilaa), seera eelaa, seera galaanaafi k.k.f. Akka ittiin bulmaata Booranaatti, bishaan eelaa gosaan qota­tan yookiin baafatan. Galaanni garuu kan ummataati.
Akka hayyuun Booranaa Ob. Bor­bor Bulee jedhanitti, Booranni ‘Isa tokkochaafi isii gumii’ safeeffata, inni tokkichi waaqa yoo ta’u, isiin gumiin immoo uummama jechuudha. Waaqa keessa urjiilee dhahaa-Lammii, Bak­kalcha, Buusan, Algaajima, Arbi Gad­duu, Urjii Wallaafi Basaatu jira. Jiinni 12fi ayyaanni 27 illee asuma keessa jiran. Laftille seera mataa isii qabdi. Lafa irra nama, bineensa, horii, muka, marga, bishaaniifi k.k.f. argaman. Seerri wantoota armaan olitti maqaa dhaha­manii kunniin Gumii Gaayyootti ilaal­lamu. Kanaan alas, yeroo gosti Boorana 17nuu Gumii Gaayoo taa’an kanatti, rakkoo gosa isaanii keessa jirtu hunda ni qoratu. Yeroon qorannoo kun, Gu­miin Gaayoo seera osoo hin lallabiniin dura ta’uu qaba. Guyyoottaan turtii gu­mii gosaa kana keessatti sirni hariirtis ni jira

3)”Hariirtii jechuun maal jechuud­ha?”

Hariitiin eebba yookiin kadhaa yeroo horii (loon) qalatan waaqa kadhataniid­ha. Yeroo hariirrattan lichoo (lichee, al­langaa) horooroofi handaara wayaatiin dirra ykn dugda horiitiin tuqaa akkana jedhaa eebifatu, yookiin Waaqa kad­hatu:
Bobbaan nagaa….
Bariin nagaa……
Waariin nagaa….
Elelleen nagaa….
Elemtuun nagaa….
Elemaa gaddiin nagaa….
Tissa huleen nagaa….
Kuusi nagaa…
Kusaa goseen nagaa….
Ijoolleen kuuchuu nagaa….
Tulaan sallan nagaa….
Baddaan sadeen nagaa….
Dhalaa kormii nagaa….
Gadaan nagaa….
Gadamoojjiin torbaan nagaa….
Bokkeen roobaa hara dambalaa guuta
Elelleen mirgee okolee guuta
Nagaa waaqni nu guuta
Horaa bulaa, waaqa nu deebansi…..jechuudhaan horii kana erga hariirra­taniin booda gadi buusanii qalan. Horiin qalamu kun yeroo baay’ee sangaa gosa jedhama. Horiin ykn sangaan gosaaf qalamu kun, foon isaa gosumatti nyaa­ta; gosaan isaa cicciramee meendhicha ta’ee gosa hundaaf qoodama. Meendhi­chi gogaa horii cicciramee akka faayaat­ti harkatti kaa’ama. Namni meendhicha harkarraa qabu, jilarraa akka dhufu mul’isa. Itti fufa.

horraa bullaa debaanaa!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *