Oduu Haaraya

Duulli naannoo Amaara keessatti gaggeefamaa jiru hangam nageenya biyyaaf yaaddessa?

Wiixata darbe aanga’onni naannoo Amaaraa ibsa kennaniin duula olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeefamaa jiruun namootni 4500 ol ta’an hidhamuu beeksisaniiru. Duulli kun torban darbe keessa kan eegale yeroo ta’u, meeshaalee waraanaa harka namoota dhuunfaa jiran galmeessuu falmisiisaa ta’uus gaggeefamaa jira.

Naannoon Amaaraa naannoo duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu itti gaggeefamu isa takkittii miti. Ji’a darbe naannoo Oromiyaa keessatti duulli hidhattoota WBO irratti ji’a tokkoof gaggeefamaa akka ture aanga’oonni naannichaa ibsaniiru. Duulli kun humnoota Federaalaa hirmaachisee, Dirooniifi haleellaa qilleensaan kan deeggarame ture.

Duulli mootummaa federaalaa kun gara walitti bu’iinsaatti yoo adeeme, akka UN jedhutti lammiilee biyyattii miiliyoona 20 deeggarsa fedhan irratti gaaga’ama namoomaa kan biraa uuma.

Ofii duulli ‘olaantummaa seeraa kabachiisuu’ kun garamitti deemuu danda’a?

Guutuu isaa BBC Afaan Oromoo

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …