Oduu Haaraya

Hogganoonni paartilee siyaasaa Toophiyaa 5 fi bakka bu’aan Ameerikaa maryachuun dhagayame.

Mariin kun marii biyyaalessaa fi haala Itoophiyaan amma irratti argamtu irratti kan xiyyeeffate jedhame.

Mariin hooggansi paartilee siyaasaa Itoophiyaa 5 fi bakka bu’aan Ameerikaa irratti hirmaatan kun Embaasii Ameerikaa Finfinnee jirutti adeemsifame jedhameeti jira.

Marii kana irratti dura taa’aan KFO piroofeesar Mararaa Guddinaa, IZEMA irraa immoo obboo Andu’alam Arraagee, bakka bu’oonni paartilee ABIN fi kan Somalee akkasumas mana marii gamtaa paartilee siyaasaa irraa bakka bu’aan argamuun ibsameeti jira.

Walgahii kana irratti bakka bu’a ABINiin ala hooggantoonni marti biyyattiitti mariin biyyaalessaa haqa qabeessii fi walaba ta’e akka adeemsifamuu qabu ijjannoo isaanii dhageessisuu maddeen keenya eeraniiti jiru.

Marii biyyaalessaa ilaalchisee ijjannoo ifaa qabatee kan ture KFOn ala obboo Andu’alam Arraagees Birhaanuu Naggaa irraa haala adda ta’een yaadicha cimsanii deeggaruu himaniiti jiru.

Bifuma walfakkaatuun bakka bu’oonni Somaalee fi kana mana marii gamtaa paartilee siyaasaa yaadicha deeggaraniiti jiru.

Bakka bu’aan Ameerikaa fedhii paartiilee siyaasaa Itoophiyaa kan gaafatan yammuu ta’u, bakka bu’oonni paartilee siyaasaas mariin biyyaalessaa hunda hirmaachisee fi walaba ta’e akka adeemsifamu Ameerikaan dhiibbaa mootummaa Itoophiyaa irratti akka taasiftu gaafataniiti jiru.

Piroofesar Mararaa Guddinaa walgahicha irratti rakkoowwan ijoo mootummaan Itoophiyaa qabu himaniiti jiru.

Mootummaan Abiy Ahmad biyya uummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 20 qabdu bulchuuf gahumsa kan hin qabne ta’uu, mootummaan araaraa fi marii biyyaalessaa sirrii ta’e adeemsisuuf kutannoo siyaasaa akka hin qabne akkasumas fedhii aangoo garmalee hammaataa ta’e akka qabu piroofeesar Mararaa Guddinaa ibsaniiti jiru.

Maddi OMN

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …