#oromoprotests!!!
Mormiin paartii kongiransii Federaalistii Oromoo (OFC) dhaadannoo “GAAFFII MIRGAA GAAFATAMEEF RASAASNI DEEBII HIN TA’U!!!” jedhuun magaalaa finfinnee naannoo Daalattii irraa jalqabee hanga Dooqaa Booraatti hiriiraan adeemsifamuun barattoota gaaffii mirgaa gaafatanii rasaasaan ajjeefaman daqiiqaa tokkoof yaadachuu dhaan yeroo ammaa kana raawwatee jira!!! hiriirri nagaa kun haala gaariin uummataaf osoo hin beeksifamin akkamittiin gochuu dandeessan? jechuu dhaan koree hoji raawwachiistuu OFC’f gaaffii dhiyaateef dhimma kana uummata naannawaa finfinnee jiran qaamaan dhaqnee beeksisuuf yaalii goonee turre garuu nuuf milkaa’uu hin dandeenye jechuu dhaan rakkoon akka isaan mudate ibsaniiru.walumaa galatti Guyyaa har’aa paartiin OFC/MADRAK fi fedhii dhaan kan irratti hirmaate paartiin ANDINET mormii master pilaanii finfinnee fi ajjeechaa uummata Oromoo irratti raawwate balaaleffachuun Mormaniiru!!!
Check Also
Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata
Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …